Tarree Hadiisotaa

Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture
عربي الإنجليزية الأوردية
Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame
عربي الإنجليزية الأوردية
Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata
عربي الإنجليزية الأوردية
mee naaf himaa! salaatowwan dirqama taate yoon salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es haraama godhee
عربي الإنجليزية الأوردية
Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii
عربي الإنجليزية الأوردية
Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa galeera
عربي الإنجليزية الأوردية
Rabbiif sujuuda heddummeessi, sababni isaas Rabbiif jecha ati sujuuda hin gootu sababii saniif sadarkaa si ol kaasee, dilii si irraa buusu malee
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni salaata qorraa lamaan salaate Jannata seena
عربي الإنجليزية الأوردية
“Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?
عربي الإنجليزية الأوردية
Namni osoo aduun hin ba’inii fi osoo aduun hin lixin salaate ibidda jahannam hin seenu
عربي الإنجليزية الأوردية
“Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”
عربي الإنجليزية الأوردية
“Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi
عربي الإنجليزية الأوردية