Galmee Hadisotaa

''Namni hajjii godhee qunnamtii saalaa isa keessatti hin raawwatin, akkasumas kan hin fincilin (ajaja Rabbiitiin ala kan hin bahin) akka guyyaa haati isaa isa deesseetti deebi'a''
عربي Ingiliffaa Orduu
“Nyaanni bakka jirutti salaatni hin jiru, akkasumas yeroo namichi fokkataa lamaanin wal deddeebisu keessattis salaata salaatuun hin jiru”
عربي Ingiliffaa Orduu
“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti dogoggorte (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta”)
عربي Ingiliffaa Orduu
“Uumamni waa shani, isaanis: Kittaannaa, rifeensa qaama saalaa maddii haaddachuudha, rifeensa affarroo muruu, kottee gabaabsuu fi rifeensa bobaa jalaa buqqisuudha”
عربي Ingiliffaa Orduu
Rifeensa affarroo (hidhii gubbaa) gabaabsaa, Areeda dhiisaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni akka wuduu’a kiyyaa kana godhatee eegasii osoo ofitti hin dubbatin raka’aa lama salaate Rabbiin dilii isaa irraa kan dabre isaaf ni araarama
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi qabrii koo taabota hin taasisin
عربي Ingiliffaa Orduu
Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture
عربي Ingiliffaa Orduu
“Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti
عربي Ingiliffaa Orduu
Siwaakiin afaaniif qulqullina, Rabbiif waan isa jaallachiisu
عربي Ingiliffaa Orduu
Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame
عربي Ingiliffaa Orduu
Firooma fufaan waan isaaf godhan irratti galata kan deebisu osoo hin taane, garuu firooma fufaan isa yeroo firummaan isaa muramte isii fufuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Dirqamummaa isaa amanee akkasuma mindaa isaa Rabbiin irratti herregatee namni ji'a Ramadaanaa soome badiin isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama
عربي Ingiliffaa Orduu
Haala Rabbitti amanee fi mindaa isa irratti herregateen namni halkan laylatulqadrii dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga ani isin dhiisetti na dhiisaa, warra isin dura darban wanti balleesse, gaaffii isaanii fi Anbiyoota isaanii irratti wal dhabuu isaaniti
عربي Ingiliffaa Orduu
Halalli ifa galaadha, haraamnis ifa galaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin waan hunda irratti tola ooluu dirqama godheera
عربي Ingiliffaa Orduu
Of miidhuus ta'ee nama biraa miidhuunis hin ta'u, nama nama miidhe Rabbiin isa miidha, namni jabeesse Rabbiin isatti jabeessa
عربي Ingiliffaa Orduu
Jibriil haqa ollaa naaf dhaamuu irraa booda hin jenne, hangan isa ni dhaalchisa jedhee yaadu tokkotti
عربي Ingiliffaa Orduu
Ruqaa, hirzii fi jaallachiistuun shirkiidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru
عربي Ingiliffaa Orduu
Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata
عربي Ingiliffaa Orduu
Sadaqaan qabeenya kamuu irraa hin hir'ifne, Rabbiin garbicha tokkoof dhiifama gochuu isaatiif injifannoo malee homaa hin daballe, namni tokkoyyuu Rabbiif jecha gad of qabee Rabbiin ol isa fuudhu malee hin hafu
عربي Ingiliffaa Orduu
Isaan sun ummata yeroo gabricha gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayan
عربي Ingiliffaa Orduu
Humna torba irratti akkan sujuudu ajajame:
عربي Ingiliffaa Orduu
Gaa’elli/nikaahni waliyyiin/eegduun malee hin hidhamu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni nama muslimoota waliin walii galteen jiru ajjeese urgooftuu Jannataa hin argu urgooftuun ishees fagoo waggaa afurtamaa irraa argama
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- nama murtee keessatti gubboo fudhatuu fi nama gubboo kennus ni abaaran
عربي Ingiliffaa Orduu
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame
عربي Ingiliffaa Orduu
mee naaf himaa! salaatowwan dirqama taate yoon salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es haraama godhee
عربي Ingiliffaa Orduu
Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii
عربي Ingiliffaa Orduu
Koomeewwaniif ibidda irraa adabbiin mirkanaa'e, wuduu'a guutaa godhaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Yemmuu Mu'azinni Allaahu Akbar : Allaahu Akbar
عربي Ingiliffaa Orduu
“Namni salaata tokko irraanfate yeroo isa yaadatetti haa salaatu, san malee bakka bu'aan isaaf hin jiru
عربي Ingiliffaa Orduu
“Jidduu namichaatti fi jidduu shirkii fi kufritti salaata dhiisuutu jira”
عربي Ingiliffaa Orduu
“Kakuun jidduu nuu fi isaanii jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafare”
عربي Ingiliffaa Orduu
lolaa nabiyyii tokko keessatti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartiin wohii ajjeefamtee argamtee jennaan, ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartii fi daa'imman ajjeesuu mormani
عربي Ingiliffaa Orduu
nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee
عربي Ingiliffaa Orduu
ani Rabbiinan kakadha -yoo Rabbi jedhe- ani waan wohii irratti kakadhee, wanti biraa irra caalaa ta'uun yoo natti mul'ate, kakaa koo irraa kaffaaraa baasee, isa irraa caalaa ta'e raawwadhu malee hin dhiisu
عربي Ingiliffaa Orduu
“Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga
عربي Ingiliffaa Orduu
Nama jechi Rabbii ol'aantummaa akka argatuuf loleetu, karaa Rabbii keessatti qabsaa'aadha
عربي Ingiliffaa Orduu
“Yeroo lallaba (Azaana) dhageessan, fakkaatama lallabaan jedhu jedhaa”
عربي Ingiliffaa Orduu
dhiisi ani Qulqulluu haala ta'aniinin isaan lameen godhadhee
عربي Ingiliffaa Orduu
Lakkii, sun hidda, garuu guyyoota hanga dhiigni ji'aa ishee keessatti sitti dhufuu sana salaata dhiisii, eegasii dhiqadhuu salaati
عربي Ingiliffaa Orduu
Tarree keessn qajeelchaa, tarree qajeechuun salaata guutuu irraayi
عربي Ingiliffaa Orduu
Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhugumatti, duniyaan tun mi’ooftuu magariisa, Rabbiin isii keessatti warra isin duratti dabran irraa bakka isin buuse, akkamitti akka hojjattan ilaala, Kanaafuu duniyaa eeggadhaa dubartootas eegadhaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rak’aa kudhanin haffaze
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan yeroo ka'an rigaan afaan isaani rigatu turani
عربي Ingiliffaa Orduu
Mu’uminni dhiiraa tokko mu’umina dubartii hin jibbin, yoo amala ishee tokko jibbe kan biraa irraa jaalata
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo eddoo fincaanii dhuftan Qiblatti fuulaan gara hin galinaa, duubanis gara itti hin galinaa, garuu gara bahatti ykn gara dhihaatti gara galaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin
عربي Ingiliffaa Orduu
“Tokkoon keessan yeroo imaama dura mataa isaa ol kaasu, Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuu, ykn Rabbiin suuraa isaa suuraa harree taasisuu hin sodaatuu?
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaata jalqabuuf jedhan,
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- shanachi koo shanacha isaanii lameen giddutti haala ta'een akka suuraa Qur'aana irraa taate na barsiisanitti Tashahhuda(Attahiyyaata) na barsiisan
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Allaahumma baa'id beynii wa beyna khaxaayaaya kamaa baa'adtta beynal mashriqi walmaghrib
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Akkaataa xurii janaabaa irraa itti dhiqatan
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani nama baayʼee bishaan (mazyiin) qaama salaa irraa dhangala'u ture, intalti isaanii waan nabira jirtuuf jecha Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafachuu saalfadheetiin Miqdaad ilma Aswad akka isaan naaf gaafatuuf jecha ergee, gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhan: “Qaama saalaa isaa dhiqatee wuduu’a godhata
عربي Ingiliffaa Orduu
Hojii kamtu Rabbi biratti baay'ee jaallatama? isaanis akkana jedhan: "Salaata yeroo ishee eeggatanii salaatuudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: “Abbaa fi haadhatti tola ooluudha", nan jedhe: Eegasii hoo? isaanis ni jedhan: "Karaa Rabbii keessatti duuluudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin kakadhee gaala diimaa qabaachuu irra nama tokko Rabbiin sababaa keetin qajeelchuutu siif caala
عربي Ingiliffaa Orduu
wuduu'a akka Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Harka kee lameenin akkana jechuutu siif gaya ture" eegasii yeroo tokko harka isaanii lameenin lafa rukutanii, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa’an, akkasumas gubbaa shanacha harka isaanii lameeni fi fuula isaanii haxaa'an
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyoota ana dura ergaman keessa tokkoonuu hin ergamne duuka buutota fi waaheloota sunnaa isaa hordofanii fi ajaja isaa fudhatan qabaatu malee hintaane
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa ba’uu, salaata dhaabuu, zakaa kennachuu, dhagayuu fi tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduu irratti Ergamaa Rabbiitif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ahdii seeneera/waadaa galeera
عربي Ingiliffaa Orduu
xumuura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: Yaa Rabbi si yaadachuu, si galateeffachuu fi akka gaariitti si gabbaruu irratti na gargaari
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin akkas jedhe: Sooma malee hojiin ilma Aadaam hundi isaaf ta’a, soomni anaaf ta'a, anaatu isaan mindeessa
عربي Ingiliffaa Orduu
Sheyxaanni osoo inni rafu booda mataa isaa irratti hidhata sadii hidha. Halkan dheera qabdaa rafi jechuun hidhaa hunda irratti rukuta
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiif sujuuda heddummeessi, sababni isaas Rabbiif jecha ati sujuuda hin gootu sababii saniif sadarkaa si ol kaasee, dilii si irraa buusu malee
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni salaata qorraa lamaan salaate Jannata seena
عربي Ingiliffaa Orduu
Jaalalleen koo Nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, waan sadii akkan hojjedhu naaf dhaaman: ji’a ji’aan guyyaa sadii soomuu, raka’aa lamaan salaata Duhaa salaatuu fi osoon hin rafiin dura salaata witrii salaatuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Wanta shakkitu dhiisii, gara waan hin shakkinee deemi, dhugumatti dhugaan tasgabbii dha, sobni immoo shakkii dha
عربي Ingiliffaa Orduu
“salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatuu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni qullubbii ykn shunkurtii nyaate, nurraa haa fagaatu, masjiida keenya irraayis haa fagaatu, mana isaa keessatti haa hafu
عربي Ingiliffaa Orduu
“Mee odeessaa! balbala tokkoo keessanitti lagni guyyatti yeroo shan itti dhiqatu osoo jiraatee, mee maal jetta sun xurii isaa irraa homaa ni hanbisaa?
عربي Ingiliffaa Orduu
Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan reebaa,eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna?
عربي Ingiliffaa Orduu
“Nama Faatihaa hin qara’iniif salaanni hin jiru”
عربي Ingiliffaa Orduu
‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni gara masjiidatti ganama deeme ykn galgala deeme Rabbiin yeroo inni ganama ykn galgala deeme hundatti Jannata keessatti bakka qubsumaa isaaf qopheessa
عربي Ingiliffaa Orduu
Tokkoon tokkoon keessan tiksee waan taataniif, waan tiksitan san irraa itti gaafatamummaa qabdan,
عربي Ingiliffaa Orduu
Dubartoota irratti seenuu irraa of eeggadhaa». Namichi warra Ansaaraa irraa tahe tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii fira abbaa manaa yoo tahe hoo? isaanis akkas jedhan: «Firri abbaa manaa du'a
عربي Ingiliffaa Orduu
Meetii warqiidhaan jijjiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee, qamadii qamadiin jijjiiruun dhala, hoodhuu fi as kenniin yoo tahe malee, garbuu garbuun jijiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee, timira timiraan jijjiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee
عربي Ingiliffaa Orduu
“Namni muslimaa tokko kan salaanni dirqamaa itti dhuftee wuduu’a ishee bareechee godhatee, khushuu'a isheeti fi rukuu'a ishee eeggatee sirnaan salaatu hin jiru, waan dilii guddoo hin hojjatiniin salaanni sun diliiwwan irraa waan ishee duratti dabreef haqxuu/dhoksituu taatu malee hin hafu, sun waggaa guutuu keessatti”
عربي Ingiliffaa Orduu
“Salaata dirqamaa hunda booda namni isaan jedhu -yookaan isaan hojjatu- hin hoongahu, "subhaanallaah" yeroo soddomii sadii, "Alhamdulih" yeroo soddomii sadii, “Allaahu Akbar” fi "yeroo soddomii afur”
عربي Ingiliffaa Orduu
“Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" dilii isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhaammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”
عربي Ingiliffaa Orduu
Namichi tokko wuduu’a raawwatee bakka hanga kottee geessu wahii miila isaa irratti dhiise, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isa arganii akkana jedhaniin: “Deebi’ii wuduu’a kee akka gaariitti raawwadhu” namichis deebi’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaate
عربي Ingiliffaa Orduu
Eega dhiiga laguu irraa qulqulloofnee booda bishaan booruu qabuu fi daalacha ta'e homaatti kan hin lakkoofne taane. ​
عربي Ingiliffaa Orduu
“Hanga yeroo laguun kee sitti turu san tilmaamii turi, Eegasii dhiqadhu”
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama dargaggeessaa hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuun
عربي Ingiliffaa Orduu
“Dubartiin takka abbaan manaa isii ykn mahramiin/firri dhihoo isii wajjiin yoo jiraate malee fageenya guyyaa lamaa hin imaltu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni duuba salaata hundatti Subhaanallaah yeroo soddomii sadii, Alhamdulillaah yeroo soddomii sadii, Allaahu Akbar yeroo soddomii sadii jedhe, kun sagaltamii sagal ta'a, dhibba guutuuf: Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku walahul hamdu wa huwa alaa kulli shey'in qadiir jedhe, diliin isaa osoo akka hoomocha galaana bahr ta’ellee dhiifama argateera
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni booda salaata dirqamaa hundatti Aayatal-Kursii qara’e du’a malee wanti Jannata seenuu isa dhorgu hin jiru
عربي Ingiliffaa Orduu
Isin keessaa namni tokko salaata isaa keessatti yoo shakkee, meeqa akka salaate yoo hin beekin sadii moo afurii, shakkii sana ofirraa dhiisee, waan mirkaneeffate irratti ijaaree, eegasii osoo salaamata hin jedhin sujuuda lama haa sujuuduu
عربي Ingiliffaa Orduu
Wanti nama macheessu hundi farshoodha, wanti nama macheessu hundinuu ammoo haraama, namni addunyaa tana irratti farshoo dhugee osoo irraa hin towbatin araada itti tahee du'e, inni Aakhiratti ishee hin dhugu
عربي Ingiliffaa Orduu
Gosoonni hojiiwwananii jaha, gosoonni namootaa afuri, (gosti hojiiwwanii) lama dirqamsiiftuudha, fakkaataa fakkaataadhaan mindeessuu, toltuun fakkaattii isii kudhaniinii fi toltuun tokko dhibba torbaaniidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin akkuma dirqamni isaa hojjatamuu jaallatutti wanti inni laaffisees hojjatamuu jaallata
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin garbichaaf dachii wohii keessatti du'uu isaaf yeroo murteesse gara isiitti dhimma wohii isaaf taasisa
عربي Ingiliffaa Orduu
ani obboleessa worra banii sa'ad bin bakri kan ta'e dimaam bin sa'alabaan jedhama
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yeroo tokko tokko wuduu’a godhatan
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo lama lama wuduu’a godhatan
عربي Ingiliffaa Orduu
“Tokkoon keessan yeroo garaa isaa keessatti waan tokko shakke wanti sun irraa ba’uu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu yoo baate, hanga sagalee dhaga’u ykn hafuura wahii fuunfatutti akka masjiidaa hin baane
عربي Ingiliffaa Orduu
“Muslimni hundinuu torbaanitti guyyaa tokko dhiqachuuf dirqama qaba, yeroo sanatti mataa fi qaama isaa dhiqata”
عربي Ingiliffaa Orduu
Muslima ta’uu barbaadeen gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, bishaanii fi baala sidriitin akkan dhiqadhu na ajajan
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni Rabbiif jecha masjiida tokko ijaare, Rabbiin jannata keessatti waan isa fakkaatu isaaf ijaara
عربي Ingiliffaa Orduu
“Masjiida kiyya kana keessatti salaanni tokko Masjiida biraa irra mindaa salaata kuma tokkootin caala, Masjida haramaa malee
عربي Ingiliffaa Orduu
“Tokkoon keessan yeroo masjiida seene osoo hin taa’in raka’aa lama haa salaatu”
عربي Ingiliffaa Orduu
“Isin keessaa namni tokko masjiida yoo seene akkana haa jedhu: (Allaahumma iftah lii abwaaba rahmatik) jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, yeroo bahu immoo akkana haa jedhu: (Allaaumma innii as'aluka min fadlik) jechuunis: Yaa Rabbi tola kee irraa si kadhadha jechuudha”
عربي Ingiliffaa Orduu
“Yaa Bilaal, slaata dhaabi, salaataan hafuura nu baafachiisi
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa ummata kana akka isin natti hidhattanii salaata koo barataniif jecha akkas godhe
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo salaattan tarree keessan qajeelchaa, eegasii tokkoon keessan imaama isiniif haa ta'u, yeroo inni Allaahu akbar jedhe isinis Allaahu akbar jedhaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa lubbuun tiyya harka Isaa keessa jirtuun kakadha, ani salaata Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fakkeessuu keessatti irra dhihoo keessani, salaanni isaanii akkana turte hanga addunyaa tana gad dhiisanii deemanitti
عربي Ingiliffaa Orduu
Hattuun hamaan nama salaata hatuu dha", ni jedhe :akkmitti salaata isaa hata? ni jedhan: "Rukuu'as ta'e sujuuda isaa hin guutu
عربي Ingiliffaa Orduu
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhuma salaata dirqamaa hunda keessatti akkana kan jedhan ta'an
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sujuuda lamaan jidduutti akkana jechaa turan: "Yaa Rabbii kiyya, naaf araarami yaa Rabbii kiyya, naaf araarami
عربي Ingiliffaa Orduu
Sun sheyxaana “Khinzab” jedhamu, Yeroo wanti akkasii sitti dhaga’ame, Rabbitti irraa maganfadhuu, gara bitaa kee irratti yeroo sadii tufi
عربي Ingiliffaa Orduu
yeroo Ramadaanni dhufe umraa godhi, Umraan Ramadaana keessaa Hajjitti qixxoofti
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Ergamaa Rabbii, jihaadni irra caalaa hojii ta'uudha agarra, niti jihaada hin goonuu? isaanis akkana jedhan: «Lakkii, garuu irra caalaan jihaadaa: Hajjii qulqulluudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waliin ture, isaanis gara eddoo balfi itti gatamu tokkoo dhufanii, dhaabbatanii fincaa'an,
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni meeshaa waraanaa nurratti baase nu irraa miti
عربي Ingiliffaa Orduu