+ -

عن ابن عمر رضي الله عنهما قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«مَا زَالَ يُوصِينِي جِبْرِيلُ بِالْجَارِ، حَتَّى ظَنَنْتُ أَنَّهُ سَيُوَرِّثُهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6014]
المزيــد ...

Abdullaah ilma Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Jibriil haqa ollaa naaf dhaamuu irraa booda hin jenne, hangan isa ni dhaalchisa jedhee yaadu tokkotti".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase - Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6014]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Jibriil waan ollaa isaan irratti deddeebisuu fi ollatti yaaddawuutti ajajuu akka hin dhiisin hin himan, ollaan isa manaan dhihoo, muslimas ta'ee kaafira, firas ta'ee kan biraa, haqa isaa eeguu fi azaa isa gochuu dhabuun, akkasuma tola isatti ooluu fi azaa isaa irratti obsuun, haqa ollaa guddisuu fi Jibriil sana irra deddeebi'uu irraa kan ka'een hanaga Nabiyyiin -Rabbiin raahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wahyiin qabeenya ollaa isaa kan booda du'a isaatii bakka isaa bu'u isaaf kennuutti ajajuun bu'a jedhanii yaadanutti.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Haqni ollaa guddaa ta'uu isaatii fi sana eeguun dirqama ta'uu isaati.
  2. Dhaamsaan haqa ollaa irratti jabeessuun isa kabajuu, gara isaatti jaallatamuu barbaaduu fi isatti tola ooluun hafiinsa kan hin qabne ta'uu akeeka, akkasumas miidhaa isa irraa deebisuu, yero dhukkubaatti isa gaafachuu, yeroo gammachuutti isa eebbisuu fi yeroo balaatti isa obsisiisuunis hafiinsa kan hin qabne ta'uu akeeka.
  3. Balbalti ollaan hanguma irra dhihoo ta'een haqni isaas irra jabaa ta'a.
  4. Ollaatti tola ooluu fi miidhaa isaan irraa deebisuu keessatti waan toliinni hawaasaa keessa jiru kan shari'aan ittiin dhufte keessatti guutina shari'aatu jira.
dabaltii