Proojektii Kuusaa Hadiisa Nabiyyii fi hiikkaa isaa:
Proojektii gama hundaan guutame kan Hadiisota Nabiyyii qabiyyee Islaamaa keessatti irra deddeebi’aman filachuu fi haala salphaa fi guutuu ta’een ibsuuf, eegasii qulqullina olaanaadhaan akkaataa adeemsa sirrii ta'e hordofuun afaanota addunyaa dubbatamanitti hiikuu fi akkasumas karaalee danda’aman hundaan bilisaan dhiheessudha..
Kaayyoowwan:
- Hiikkaalee Hadiisa Nabiyyiitiif Madda amanamoo idil adduunyaa ammayyaawaa bilisa ta'e uumuudha..
- Namoota hiikaniif yeroo isaan hiikanitti kuusaa eleektiroonawaa ta'e fuula isaanii duratti dhiheessuu..
- karaalee argaman hundaan hiikkaawwan namoota ittii xiyyeeffatamaniin ga'uudha..
kuusicha wantoota adda godhan irraa:
- waan hunda kam of keessatti qabate ta'uu.
- Tola (bilisa) ta'uu.
- Hikkaawwan hedduu ta'uu.
- Itti fufiinsaan kan fooyyaa'aa ta'u ta'uu.
- Tolchuu.
Gulantaawwan ijaarsaa fi fooyya'iinsaa:
- Kuusicha Afaan arabiffaatiin hojjachuu.
- Kuusicha gara Afaanotaatti hiikuu.
- Kuusichaa namuu akka argatu gochuu fi bifa elektiroonawaa ta'een qooduu.
- Fooyyessa Itti Fufaa fi Hiikkaawwan kuusichaa.