+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ يَوْمَ خَيْبَرَ:
«لَأُعْطِيَنَّ هَذِهِ الرَّايَةَ رَجُلًا يُحِبُّ اللهَ وَرَسُولَهُ، يَفْتَحُ اللهُ عَلَى يَدَيْهِ» قَالَ عُمَرُ بْنُ الْخَطَّابِ: مَا أَحْبَبْتُ الْإِمَارَةَ إِلَّا يَوْمَئِذٍ، قَالَ فَتَسَاوَرْتُ لَهَا رَجَاءَ أَنْ أُدْعَى لَهَا، قَالَ فَدَعَا رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَلِيَّ بْنَ أَبِي طَالِبٍ، فَأَعْطَاهُ إِيَّاهَا، وَقَالَ: «امْشِ، وَلَا تَلْتَفِتْ، حَتَّى يَفْتَحَ اللهُ عَلَيْكَ» قَالَ فَسَارَ عَلِيٌّ شَيْئًا ثُمَّ وَقَفَ وَلَمْ يَلْتَفِتْ، فَصَرَخَ: يَا رَسُولَ اللهِ، عَلَى مَاذَا أُقَاتِلُ النَّاسَ؟ قَالَ: «قَاتِلْهُمْ حَتَّى يَشْهَدُوا أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، فَإِذَا فَعَلُوا ذَلِكَ فَقَدْ مَنَعُوا مِنْكَ دِمَاءَهُمْ وَأَمْوَالَهُمْ، إِلَّا بِحَقِّهَا وَحِسَابُهُمْ عَلَى اللهِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2405]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbi irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nageenyi fi rahmanni Rabbii irratti haa jiraatu- Guyyaa Kheybar akkana jedhan:
«Alaabaa kana nama Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallatu kan Rabbiin harka isaatti injifannoo fiduuf kenna» Umar bin khaxxaab akkas jedhe: Ani guyyaa san malee taayitaa jaaladhee hin beeku, ni jedhe: akkan isiif waamamu qaaman hihiixataa ture, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Aliyyii bin Abii Xaalib waamanii, isii isaaf kennanii, akkana jedhaniin: «Hanga Rabbiin injifannoo siif kennutti, of duuba hin ilaalinii deemi» ni jedhe: Aliyyi yeroo muraasaaf deemee, eegasii osoo of duuba hin ilaalin dhaabbatee, akkana jechuun iyye: Yaa Ergamaa Rabbii! maal irratti namootan lola? isaanis akkana jedhan: «Hanga isaan Rabbi malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiruu, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahanitti isaanin loli, yoo akkas godhan dhiiga isaanii fi qabeenya isaanii sirraa tikfatan, haqa isiitin malee, herregni isaanii Rabbirra jira».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2405]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni Rabbi irra haa jiraatu- injifannoo muslimoonni guyyaa boruu irraa kaasee yahuudota magaalaa Kheybar kan naannoo Madiinaatti argamtu irratti argatan Sahaabaaf himan, sunis kan ta'u harka namicha wahii kan alaabaa itti kennanii irrattiidha, Alaabaan kunis waraanni akka asxaatti kan itti fayyadamaniidha. Amaloota namicha kanaa keessaa inni Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuu, Rabbii fi Ergamaan Isaas isa jaallachuu akka ta'ees himaniiru.
Umar bin Al-Khaxxaab -Rabbiin irraa haa jaallatu- guyyaa san malee taayitaa hawwee akka hin beekne dhugumatti dubbate, sunis jaalala Rabbii fi ergamaa isaa ilaalchisee waan Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- argatuuf jecha, Umar alaabaa san fudhachuu fi kajeellaa qabu irraa kan ka'een akka Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- isa arganii, alaabaa saniif waamamuuf jecha qaama isaatin ol hihiixataa ture.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Aliyyii bin Abii Xaalib waamanii, Rabbiin irraa haa jaalatu, alaabaa itti kennan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waraana waliin akka sochoo’u isa ajajan, akkasumas eega diinan wal qunnamee hanga Rabiin injifannoodhaan masaraawwan tana banutti boqonnaan ykn dhaabbachuun ykn araaran lola irraa akka of duuba hin deebine isa ajajan.
Aliyyis -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni deemee, eegasii dhaabbate, of duuba hin ilaalle malee; akka ajaja Nabiyyii -nagaa fi irra haa jiraatu- hin cabsineef jecha, eegasii Aliyyi -Rabbiin irraa haa jaallatu- sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: yaa Ergamaa Rabbii! maal irrattin namootan lola?
Rasuullis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu hanga ragaa bahanitti isaanin loli, yoo owwaatanii Islaamummaa fudhatan, dhiiga isaanii fi qabeenya isaanii sirraa dhugumatti tikfatan, sirratis haraama taateerti, haqaa isiitin malee, jechuun yakka ykn badii cimaa yoo raawwatan akkaataa tumaalee Islaamaatiin ajjeefamuu haqa godhatan jechuudha, herregni isaanii Rabbirra jira.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sahaabaan itti gaafatamummaa guddaa taayitaan of keessaa qabu sodaaf jecha taayitaa kan jibban ta'uudha.
  2. Waan gaarummaan isaa mirkanaa’e tokkoof hawwuun akka danda’amuudha.
  3. Ajajaan waraanaa dirree waraanaa irratti akkamitti akka hogganu Imaamni isaaf qajeelcha kennuudha.
  4. Sahaabonni Rasuulaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhaamsa isaanii abboommii isaaf qabaniin fudhatanii ariitiin kan hojii irra oolchan ta'uudha.
  5. Namni waan isarraa barbaadame keessaa waa tokko isa rakkise gaafachuu akka qabuudha.
  6. Ragaalee Nabiyyummaa isaanii keessaa tokko -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Muslimoonni guyyaa kheybar Yahuudota irratti akka injifatan himanii, akkuma isaan himanitti argamuudha.
  7. Waan Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- itti ajajan raawwatuuf hamilee fi kaka’umsa qabaachuu irratti kakaasuudha.
  8. Yoo wanti ajjeechaa barbaachisu isa irraa mul’ate malee nama ragaa lamaan bahe ajjeesuun hin hayyamamu.
  9. Murtiileen Islaamaa namoota irraa wanta ijaan ilaalanii argan irratti hundaa'aadha, keessoo immoo Rabbiitu beeka.
  10. Kaayyoon jihaadaa inni guddaan namoonni gara Islaamummaatti akka seenan gochuu dha.