tarree: aqiidaa .
+ -

عن أبي ذر رضي الله عنه:
عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِيمَا رَوَى عَنِ اللهِ تَبَارَكَ وَتَعَالَى أَنَّهُ قَالَ: «يَا عِبَادِي إِنِّي حَرَّمْتُ الظُّلْمَ عَلَى نَفْسِي، وَجَعَلْتُهُ بَيْنَكُمْ مُحَرَّمًا، فَلَا تَظَالَمُوا، يَا عِبَادِي كُلُّكُمْ ضَالٌّ إِلَّا مَنْ هَدَيْتُهُ، فَاسْتَهْدُونِي أَهْدِكُمْ، يَا عِبَادِي كُلُّكُمْ جَائِعٌ إِلَّا مَنْ أَطْعَمْتُهُ، فَاسْتَطْعِمُونِي أُطْعِمْكُمْ، يَا عِبَادِي كُلُّكُمْ عَارٍ إِلَّا مَنْ كَسَوْتُهُ، فَاسْتَكْسُونِي أَكْسُكُمْ، يَا عِبَادِي إِنَّكُمْ تُخْطِئُونَ بِاللَّيْلِ وَالنَّهَارِ وَأَنَا أَغْفِرُ الذُّنُوبَ جَمِيعًا فَاسْتَغْفِرُونِي أَغْفِرْ لَكُمْ، يَا عِبَادِي إِنَّكُمْ لَنْ تَبْلُغُوا ضَرِّي فَتَضُرُّونِي، وَلَنْ تَبْلُغُوا نَفْعِي فَتَنْفَعُونِي، يَا عِبَادِي لَوْ أَنَّ أَوَّلَكُمْ وَآخِرَكُمْ وَإِنْسَكُمْ وَجِنَّكُمْ كَانُوا عَلَى أَتْقَى قَلْبِ رَجُلٍ وَاحِدٍ مِنْكُمْ مَا زَادَ ذَلِكَ فِي مُلْكِي شَيْئًا، يَا عِبَادِي لَوْ أَنَّ أَوَّلَكُمْ وَآخِرَكُمْ وَإِنْسَكُمْ وَجِنَّكُمْ كَانُوا عَلَى أَفْجَرِ قَلْبِ رَجُلٍ وَاحِدٍ مَا نَقَصَ ذَلِكَ مِنْ مُلْكِي شَيْئًا، يَا عِبَادِي لَوْ أَنَّ أَوَّلَكُمْ وَآخِرَكُمْ وَإِنْسَكُمْ وَجِنَّكُمْ قَامُوا فِي صَعِيدٍ وَاحِدٍ فَسَأَلُونِي فَأَعْطَيْتُ كُلَّ إِنْسَانٍ مَسْأَلَتَهُ مَا نَقَصَ ذَلِكَ مِمَّا عِنْدِي إِلَّا كَمَا يَنْقُصُ الْمِخْيَطُ إِذَا أُدْخِلَ الْبَحْرَ، يَا عِبَادِي إِنَّمَا هِيَ أَعْمَالُكُمْ أُحْصِيهَا لَكُمْ ثُمَّ أُوَفِّيكُمْ إِيَّاهَا، فَمَنْ وَجَدَ خَيْرًا فَلْيَحْمَدِ اللهَ، وَمَنْ وَجَدَ غَيْرَ ذَلِكَ فَلَا يَلُومَنَّ إِلَّا نَفْسَهُ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2577]
المزيــد ...

Abuu Zarrii irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-:
Nabiyyii irraa odeeffame -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii ol ta'e irraa odeessaniin keessatti Rabbiin akkas jedhe: "Yaa gabroottan koo ani lubbuu koo irratti miidhaa haraama taasiseen jira, akkasumas gidduu keessanittis haraama taasiseen jira, wal hin miidhinaa, yaa gabroottan koo! hundi keessanuu jaallataadha nama ani isa qajeelche malee, qajeeluma narra barbaadaa isinin qajeelchaa, yaa gabroottan koo! nama ani nyaachise malee hundumti keessanuu beela'aadha, nyaachisa narra barbaadaa isinini nyaachisaatii, yaa gabroottan koo! hundumtu keessanuu qullaadha nama ani offise malee, uffisa narra barbaadaa isinin uffisaatii, yaa gabroottan koo! isiin halkanii fi guyyaa keesatti ni dogongortani ani immoo badii hundan dhiisa waan ta'eef dhiifama narra barbaadaa isiniifan dhiisaatii, yaa gabroottan koo! isin na miidhuutti geessanii na miidhuu hin dandeessanu, akkasumas na fayyaduutti geessanii na fayyaduu hin dandeessanu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan hundi haala qalbii nama isin keessaa irra Rabbiin sodaataa ta'ee irratti ta'anii sun aangoo kiyya irratti homaa hin dabalu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan hundi haala qalbii nama isin keessaa irra cubbamaa ta'ee irratti ta'anii sun aangoo kiyya irraa homaa hin hir'isu, yaa gabroottan koo! osoo jalqabni keessanii fi xumurri keessan namaa fi jinniin keessan dirree tokko irra dhaabatanii na gaafatanii jennaan nama hundaafuu waan gaaffii isaa isaaf kennee sun waan na bira jiru irraa hanga lilmeen bahra yeroo buute hir'istu malee homaa hin hir'isu, yaa gabroottan koo! isiin tun hojiidhuma keessan qofa isiidhuman isiniif lakkaa'aa, eegasii isiidhuman mindaa isiniif galcha, kanaafuu namni toltuu arge Rabbiin haa galatoomfatu, waan sanaan alaa namni arge lubbuu isaa malee hin komatin)

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2577]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuudha ifa galchan: Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e miidhaa ofirratti haraama godhee, uumamaa Isaa gidduuttis miidhaa haraama godhe, kanaafuu namni kamuu nama kamuu miidhuu hin danda'u. Akkasumas uumamni hunduu qajeelcha Rabbiitii fi tawfiiqa Isaa malee karaa haqaa irraa jallataadha, nama Rabbiin qajeelcha kadhate Rabbiin isa waffaqee isa qajeelcha, Akkasumas uumamni hunduu dhimmoota isaanii hunda keessatti gama Rabbiitti rakkatoo fi Isatti haajamoodha, namni Rabbiin gaafate dhimma isaa isaaf baasa isaafis gahaadha, Akkasumas isaan halkanii fi guyyaa badii hojjatani, Rabbiin ol ta'e yeroo gabrichi dhiifama isa gaafatu isa sattaree irra isaaf darba, Akkassumas isaan waan tokkoon Rabbiin miidhuu yookaan fayyaduus hin danda'anu Akkasumas osoo haala qalbii nama irra Rabbiin sodaataa ta'ee irratti ta'aniis sodaan isaanii sun aangoo Rabbii irratti homaa hin dabaltu, Akkasumas osoo haala qalbii irra cubbamaa namaa irrattii ta'aniis cuubbuun isaanii sun aangoo Isaa irraa homaa hin hir'isu; isaan dadhaboo rakkatoo haala hunda, yeroo hundaa fi iddoo hunda keessatti gara Rabbiitti haajamoo waan ta'aniifi, Inni qulqullaa'e isatu dureessa of gahaadha, Akkasumas osoo namni isaanitii fi jinniin isaanii jalqabnii fi xumurri isaanii bakka tokko dhaabbatanii Rabbiin gaafatanii jennaan hunda isaaniitiifuu waan isaan gaafatan kenneefii, sun waan Rabbiin bira jiru irraa homaa hin hir'isu, akka lilmee yoo bahra seensifamtee eegasii baafamtee jennaan baharri sanaan homaa hin hir'anneetti, kun durummaan Isaa -Inni qulqullaa'e- guutuu waan ta'eefi.
Rabbiin qulqullaa'e hojiiwwan gabrootaa tiksee isaan irratti lakkaa'a, eegasii guyyaa qiyaamaa isiidhumaan isaan mindeessa, kanaafuu namni mindaa hojii isaa khayrii haala ta'een arge Isaan buluutti waan isa qajeelcheef Rabbiin haa galatoomfatu, namni mindaa hojii isaa waan sanaan alaa t'uu arge lubbuu isaa kan hamtuutti ajajdu isii kasaaratti isa geessite sana malee homaa hin komatin.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisni kun hadiisota Nabyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbii isaanii irraa odeessan irra tokkodha, hadiisa Al-qudsiyyi yookaan hadiis Al-ilaahiyyi jedhamuun waamama, inni hadiisa jechi isaatiifi hiikkaan isaa Rabbiin irraa ta'eedha, garuu qoodni Qur'aanni waan biraa irraa ittiin adda ta'e isa keessa hin jiru, sun akka isa qara'uun ibaadaa gochuu, isaaf xahaaraa godhachuu, isaan dadhabsiisuu (morkatuu), raajummaa qabaachuu fi kan birooti.
  2. Beekumsa irraa yookaan qajeelluma gabrootaaf wanni argamu, qajeelchaa Rabbiitii fi barsiisa isaatiini.
  3. Toltuu irraa wanti gabricha qunname tola Rabbii ol ta'ee irraayi, hamtuu irraa wanti isa mudate immoo lubbuu isaatii fi fedhii isaa irraayi.
  4. Namni tolche tawfiiqa Rabbiitiini, mindaan isaatis tola Rabbiin irraa ta'e, faaruunis kanuma isaati, namni hamtuu hojjate lubbuu isaa malee homaa hin komatin.