Galmee Hadisotaa

Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jirtuunan kakadha, namni tokko ummatattii kana irraa yahuudaas ta'ee kiristaanas waan koo dhaga'ee, ergasii waan ani ittiin ergametti osoo hin amanin kan du'u yoo ta'e worra ibiddaa irraa ta'u malee hin hafu
عربي Ingiliffaa Orduu
Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti haa ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii bakka itti salaatan godhatan
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa Rabbi qabrii koo taabota hin taasisin
عربي Ingiliffaa Orduu
''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa
عربي Ingiliffaa Orduu
ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin ol ta'e jaalallee na taasifatee jira, akkuma ibraahimiin jaalallee taasifatetti
عربي Ingiliffaa Orduu
“Dhugumatti Rabbiin ni hinaafa, muuminnis ni hinaafa, hinaaffaan Rabbii immoo muuminni waan Rabbiin isa irratti haraama godhe hojjachuudha”
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''
عربي Ingiliffaa Orduu
Munaafiqoota irratti salaanni akkaan ulfaataa ta’e, salaata Ishaa'ii fi fajrii yoo ta’u, osoo waan isaan lamaan keessa jiru beekanii osoo shorrooqiinsalleen taatee isaan lamaan ni dhufu ture
عربي Ingiliffaa Orduu
Namoonni osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan dhaqqabduu fi namoonni qabrii iddoo salaataa godhatan dhugumatti irra hamoo namootaa irraayi
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhugumatti wanti ani isiniif baay’ee sodaadhu shirkii xixiqqoodha" Isaanis ni jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii shirkii xiqqaan maali? Isaanis ni jedhan: “na argiidha
عربي Ingiliffaa Orduu
ati ummata wohii kan worra kitaaba kennaman irraa ta'anitti dhufta, yeroo isaan bira dhuftetti haqaan gabbaramaan Allaaha malee akka hin jirreee fi dhugumatti Muhammad ergamaa Allaahaa akka ta'e gara Ragaa ba'utti isaan waami
عربي Ingiliffaa Orduu
''Akka nasaaraan ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa dabartetti yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha Rabbii qofa: kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa
عربي Ingiliffaa Orduu
guyyaa qiyaamaa magantaa kootiin irra milkaa'aan namaa, nama onnee isaa irraa, yookaan lubbuu isaa irraa qulqulleessee "Laa ilaaha illallaah" jedhe''
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin hojii irraa hanqinuma inni qabuun waliin Jannata isa galcha
عربي Ingiliffaa Orduu
''Namni haala waan tokkollee Rabbitti hin qindeessineen Rabbiin wol gahe jannata seene, namni haala Isatti qindeessuun Isaan wol gahe immoo ibidda seene
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiryaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seena
عربي Ingiliffaa Orduu
''finxaaleyyoonni badan(worra daangaa darban, akka barbaachisuun alatti waa jajjabeessan)
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuseef, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin nama toltuu isaaf fedhe, rakkoon isa tuqa
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga ani isin dhiisetti na dhiisaa, warra isin dura darban wanti balleesse, gaaffii isaanii fi Anbiyoota isaanii irratti wal dhabuu isaaniti
عربي Ingiliffaa Orduu
dhugumatti Rabbiin toltuu fi badduus barreessee, eegasii sanas if galchee jira, namni toltuu tokko yadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin toltuu guutuu godhee of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo of biratti toltuu kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti hanga dachaawwan hedduutti isaaf barreessa, namni badii tokko yaadee osoo isii hin hojjatin hafe Rabbiin guutuu godhee of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee isii hojjate immoo Rabbiin badii tokko qofa isa irratti barreessa
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin suuraa keessanii fi qabeenya keessan hin ilaalu, garuu kan Inni ilaalu qalbii keessanii fi hojii keessani
عربي Ingiliffaa Orduu
islaama jechuun Allaaha malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad immoo ergamaa Allaahaati jettee ragaa ba'uudha, salaata dhaabuudha, zakaa kennachuudha, ramadaana soomuudha, yoo karaa dandeesse mana Rabbii hajja'uudha
عربي Ingiliffaa Orduu
“Amantii keenya kana keessatti waan isa keessa hin jirre namni argamsiise inni isuma irratti deebimaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa gabroottan koo ani lubbuu koo irratti miidhaa haraama taasiseen jira, akkasumas gidduu keessanittis haraama taasiseen jira, wal hin miidhinaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Yaa gurbaa!, ani jechootawwanin si barsiisa, Rabbiin tiksi Inni si tiksaatii, Rabbiin tiksi fuuldura keetti Isa argattaatii, yeroo kadhatte Rabbiin kadhadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Hundi ummata kootii jannata ni seenu nama dide malee
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni ummata wohiitti fakkaate inni isaan irraayi
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedheetiin gaafadhe: Rabbiin biratti dilii kamitu irra guddaadha? isaanis akkana jedhan: “Osoo inni si uumee jiruu, Rabbiif fakkaataa gochuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu
عربي Ingiliffaa Orduu
Nama miidhe Rabbiin isa miidha, akkasumas nama rakkise Rabbiin isa rakkisa
عربي Ingiliffaa Orduu
Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kana argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan
عربي Ingiliffaa Orduu
“Warri rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaaa”
عربي Ingiliffaa Orduu
Isaan sun ummata yeroo gabricha gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayan
عربي Ingiliffaa Orduu
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame
عربي Ingiliffaa Orduu
Isin irraa namni badii wohii arge harka isaatiin haa jijjiiru, kana yoo hin dandeenye arraba isaatiin, kanas yoo hin dandeenye immoo qalbii isaatiin, sun garuu irra dadhabaa iimaanaati
عربي Ingiliffaa Orduu
Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama
عربي Ingiliffaa Orduu
mee naaf himaa! salaatowwan dirqama taate yoon salaatee, ramadaanas soomee, waan halaala ta'es halaala godhee, waan haraama ta'es haraama godhee
عربي Ingiliffaa Orduu
Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isaa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitabni Rabbii jira
عربي Ingiliffaa Orduu
Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene
عربي Ingiliffaa Orduu
Islaamummaa keessatti jecha tokko kan si malee nama biraa hin gaafanne naan jedhi, isaanis ni jedhan: “Ani Rabbitti amane jedhii eegasii irratti gadi dhaabbadhu
عربي Ingiliffaa Orduu
Guyyaa qiyaamaa Rabbiin ummata koo irraa nama wohii uumama fuulduratti adda isa baasee
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin jannataa fi ibidda yeroo uumetti Jibriiliin -nagaan isarra haa jiraatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin samiiwwanii fi dachii osoo hin uumiin woggaa kuma shantamaan duratti murtoowwan uumamtootaa barreessee jira
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qaleeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa
عربي Ingiliffaa Orduu
“Jidduu namichaatti fi jidduu shirkii fi kufritti salaata dhiisuutu jira”
عربي Ingiliffaa Orduu
“Kakuun jidduu nuu fi isaanii jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafare”
عربي Ingiliffaa Orduu
“Dhugumatti Rabbiin ol ta’e abboota keessaniin kakachuu irraa isin dhoorga
عربي Ingiliffaa Orduu
“Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga
عربي Ingiliffaa Orduu
Isaan lamaan kun adabamaaru, adabamuun isaanii waan guddaafii miti, tokkoon isaanii fincaan kan ofirraa hin qulqulleessine ta'e, inni kuun immoo gidduu namootatti kan namiimaan (walitti mufannaa namoota giddutti argamsiisuuf jecha haasaa tokko irraa gara kaanii geessuun) deemu ta'e
عربي Ingiliffaa Orduu
Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa
عربي Ingiliffaa Orduu
Qormaata akka ciccitaa halkan dukkanaa’aa jalaa hojii gaarii hojjechuun ariifadhaa,
عربي Ingiliffaa Orduu
Waan Rabbii fi ebalu fedhe hin jedhinaa, garuu akkana jedhaa: Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ebalu fedhe
عربي Ingiliffaa Orduu
Karaa warra isin dura turanii taakkuu taakkuun, dhundhuma dhundhumaan Rabbitti kakadhee hordofuuf teessan
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni qajeellumaatti nama waame mindaa akka mindaa warra isa duuka bu’eeti argata, sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisu
عربي Ingiliffaa Orduu
Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa
عربي Ingiliffaa Orduu
akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “Waan jettan, ykn waan dubbattan keessaa muraasa dubbadhaa, Sheeyxanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamin”
عربي Ingiliffaa Orduu
"Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warri isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhukkubni tokko (ofii isaatii) dabruun hin jiru, faana ilaallachuun hin jiru, ji’a safaraatti faana ilaallachuunis hin jiru, sagalee Hurunguutin(simbirrootin) faana ilaallachuun hin jiru, Akkuma leenca irraa baqattutti nama dhukkuba qumaaxaa qabu irraa baqadhu
عربي Ingiliffaa Orduu
“Dhukkubni eeyyama Rabbitiin malee ofiin hin darbu, hooddannaan hin jiru, fa’alii (jecha gaarii) immoo nan jaalladha” (Sahaabonnis) fa’aliin maali jedhanii gaafatan? isaanis ni jedhani: “fa’alin jecha gaarii isin dhageessanu”
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waa’ee Ansaaraa keessatti akkana jedhan: "Mu’umina malee eenyulleen isaan hin jaallatu, munaafiqa malees namni isaan jibbu hin jiru, nama isaan jaallate Rabbiin isa jaallata, nama isaan jibbe immoo Rabbiin isa jibba
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyoota ana dura ergaman keessa tokkoonuu hin ergamne duuka buutota fi waaheloota sunnaa isaa hordofanii fi ajaja isaa fudhatan qabaatu malee hintaane
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname
عربي Ingiliffaa Orduu
Yoo dhugaa dubbate milkaa'e
عربي Ingiliffaa Orduu
Irra caalaan Guyyaa aduun itti baate guyyaa Jum’aati
عربي Ingiliffaa Orduu
mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti
عربي Ingiliffaa Orduu
Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhaammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera
عربي Ingiliffaa Orduu
Waan guddaa irraa na gaafatte, innis nama Rabbiin isaaf salphise irratti salphaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti
عربي Ingiliffaa Orduu
Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humna tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama
عربي Ingiliffaa Orduu
“Mu'uminni cimaatu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala, irra jaallatamaasi, haa jennuu malee hunduma keessa kheyriin ni jira,
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi
عربي Ingiliffaa Orduu
Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani
عربي Ingiliffaa Orduu
Ilmi Aadam na kijibsiise, sun isaaf hin ta'u ture, Ilmi Aadam na arrabse, sun isaaf hin at'u ture
عربي Ingiliffaa Orduu
Nama jaalallee kootin diinummaa qabu, ani dhugumatti lola isa beeksiseera, Garbichi koo wanta ani isa irratti dirqama godhe hojjachuu caalaa waa tokkoon Natti hin dhihaanne
عربي Ingiliffaa Orduu
“Namni qaxxasa/asmaa rarraafate shirkii raawwateera”
عربي Ingiliffaa Orduu
Malaa'ikonni imala sareen fi bilbilli keessa jiru waliin hin deeman
عربي Ingiliffaa Orduu
Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha
عربي Ingiliffaa Orduu
‌Wallaahi Amantiin kun bakka halkanii fi guyyaan gahu ni gaha. Rabbiin mana dhoqqees ta'e mana suufii Amantii kana osoo isa hin galchin hin dhiisu
عربي Ingiliffaa Orduu
inni guyyuma tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jenne
عربي Ingiliffaa Orduu
Waan Rabbiin keessan jedhe ni beektuu?", namootnis ni jedhan: Rabbumaa fi ergamaa Isaa qofaatu beeka, ergamaanis ni jedhan: "gabroottan koo irraa gariin anatti amanee gariin immoo anatti kafaree bule
عربي Ingiliffaa Orduu
nuti lubbuu keenya keessatti waan isa odeessuun tookkoo keenyatti ulfaatu argina, nabiyyiinis ni jedhani: "dhugumatti isa argitanii jirtuu?" ee arginee jirra jedhani: nabiyyiinis ni jedhani: "inni sun iimaana ifa galaadha
عربي Ingiliffaa Orduu
faaruun kan Rabbii shira isaa waswasaatti deebiseeti
عربي Ingiliffaa Orduu
Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin toltuu tokkollee mu'umina hin miidhu, duuniyaatti isiidhaan kennama, aakhiratti immoo isiidhaan mindeeffama
عربي Ingiliffaa Orduu
toltuu darbee waliin islaamummaa fudhatte
عربي Ingiliffaa Orduu
Fakkiin munaafiqaa, akka re'ee gidduu tuuta re'ootaa lamaa deemtuuti, yeroo tokko gara isii kanaatti yeroo kaan immoo gara isii sanaatii deemti
عربي Ingiliffaa Orduu
Iimaanni qalbii tokkoo keessanii keessatti akka huccuun butute moofa'utti moofa'a, kanaafuu qalbii keessan keessatti akka iimaana haaromsu Rabbiin kadhaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga namni tokko qabrii nama biraa bira darbee akkana jedhutti qiyaamaan hin dhuftu: Osoon bakka isaa ta’ee natti tola
عربي Ingiliffaa Orduu
Yahuudaa woliin wol loltanii hanga dhagaan booda isaa yahuudaan jiru: yaa muslima kun booda koo kan jiru yahuudaadha isa ajjeesi jedhutti qiyaamaan hin dhaabbatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa lubbuun koo harka Isaa keessa jirtuun kakadhee, ilmi Maryam (Iisaan) haala daanyaa murtii haqaan murteessu ta'een isin keessatti bu'uun isaa ni dhihaata, yeroo sanatti fannoo kiristaanaa ni cabsa, karkarroo ni ajjeesa, gibira ni murteessa, horiinis hanga namni tokko kan isa qeebalu hin jiraannetti gad dhangal'a
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga aduun karaa dhiha isiitiin baatutti qiyaamaan hin dhaabbatu, yeroo achiin baatetti namoonni isii argan hundi isaaniituu ni amanu
عربي Ingiliffaa Orduu
Hanga yeroon walitti dhihaatutti qiyaamaan hin dhaabbattu
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin lafa qabee, harka mirga Isaatiin samii walitti maree, eegasii akkana jedha: Ani mooticha, mootonni lafaa eessa jiru?”
عربي Ingiliffaa Orduu
Hawdiin koo(guddinni isaa) adeemsa ji'aati, bishaan isaa aannan irra adiidha, fooliin isaa miskii irra gaariidha
عربي Ingiliffaa Orduu
Ani hawdii irra taa'een nama isin irraa gara koo dhufu ilaala, namootni gariin anaa gaditti qabamu, anis nan jedha: yaa Rabbi (isaan) ana irraati ummata koo irraati
عربي Ingiliffaa Orduu
Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruunan kakadha, meeshaan isa irraa ittiin dhugan daninni isaa urjiiwwan samii irra hedduudha
عربي Ingiliffaa Orduu
Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama
عربي Ingiliffaa Orduu
Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha
عربي Ingiliffaa Orduu
ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan dhugaa dubbataa dhugeeffamaa kan ta'an akkas jechuun nuuf odeessan: «uumamni tokkoo keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf wolitti qabama
عربي Ingiliffaa Orduu
Wanti hunduu murtoon ta'a, dadhabbii fi collummaan illee yookaan collummaa fi dadhabbiin illee
عربي Ingiliffaa Orduu
Rabbiin garbichaaf dachii wohii keessatti du'uu isaaf yeroo murteesse gara isiitti dhimma wohii isaaf taasisa
عربي Ingiliffaa Orduu
ani obboleessa worra banii sa'ad bin bakri kan ta'e dimaam bin sa'alabaan jedhama
عربي Ingiliffaa Orduu
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko dubbatanii akkas jedhani: «sun kan ta'u yeroo beekumsi baduuf dhihaatedha
عربي Ingiliffaa Orduu
worra kitaabaa hin dhugeessinaas hin sobsiisinaas, {Rabbii fi waan gara keenyatti buufametti amanne}
عربي Ingiliffaa Orduu
ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- umurii afurtamaa qur'aanni isaan irratti buufame
عربي Ingiliffaa Orduu
Yahuudoonni dheekkamsa Rabbii jala galanii jiru, Kiristaanonni immoo jallatoodha
عربي Ingiliffaa Orduu
Inni duuniyaa keessatti miila lameeniin isa deemsise guyyaa qiyaamaatti fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeetti hin qabuu?
عربي Ingiliffaa Orduu
laa ilaaha illallaah jedhi, guyyaa qiyaamaatti isiidhanin ragaa siif ba'aatii
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhugumatti Inni ati jettuu fi itti waamtu kun gaariidha, Waan hojjenne kanaaf araarri jiraachuu osoo nutti himtee
عربي Ingiliffaa Orduu
Gara isaa deebi'ii akkana jedhiin: "Ati warra ibiddaa irraayii miti, garuu ati warra jannataa irraayi
عربي Ingiliffaa Orduu
{Ergasii wallaahi guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtan}
عربي Ingiliffaa Orduu
“Booda ummata kootii keessatti namoonni waan isinii fi abbootiin keessan hin dhagahin isinitti himan ni argamu, warra akkasii san irraa fagaadhaa”
عربي Ingiliffaa Orduu
Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa jirtutti kakadhee, waan dhugaa ta'e malee irraa hin bahu
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Sun sheyxaana “Khinzab” jedhamu, Yeroo wanti akkasii sitti dhaga’ame, Rabbitti irraa maganfadhuu, gara bitaa kee irratti yeroo sadii tufi
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni meeshaa waraanaa nurratti baase nu irraa miti
عربي Ingiliffaa Orduu