+ -

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عَمْرٍو رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«المُسْلِمُ مَنْ سَلِمَ المُسْلِمُونَ مِنْ لِسَانِهِ وَيَدِهِ، وَالمُهَاجِرُ مَنْ هَجَرَ مَا نَهَى اللَّهُ عَنْهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 10]
المزيــد ...

Abdullaah bin Amrii irraa odeeffame, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, Nabiyyiin nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jedhan:
"Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 10]

Ibsaa

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, Muslimni Islaamummaa guutuu qabu nama arraba isaa irraa muslimoonni nagaa ta’ani jechuudha himani, kana jechuun isaan hin arrabsu, hin abaarusi, hin hamatuus, arraba isaatiin miidhaa gosa kamiinuu isaanitti hin dhaqqabsiisu jechuudha. Akkasumas Harka isaa irraa kan nagaa bahani jechuu himani, kana jechuun isaanitti daangaa hin darbu, horii isaanitiis haqaan malee hin fudhatuu fi kkf jechuudha. Akkasumas Godaanaa jechuun nama waan Rabbiin haraama taasise dhiise jechuu himani.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Guutumminni Islaamummaa qaamaanis ta’ee naamusaan namoota biroo irratti miidhaa geessisuu dhiisun malee hin argamu.
  2. Wanni Arrabaa fi harka addatti dubbateef; waan dogongoraa fi badiin isaanii heddummaatuuf jecha, irra guddaan badiiwwanii isaan lamaan irraa argama.
  3. Badiiwwan dhiisanii waan Rabbiin ol ta'e itti ajaje qabachuu irratti kakaasuudha.
  4. Caalaan muslimootaa nama haqa Rabbiiti fi haqa muslimootaa eeggateedha.
  5. Namatti daangaa dabruun jechaa fi gochaan ta’uu danda’a.
  6. Godaansi guutuun waan Rabbiin haraama taasise dhiisuudha.