+ -

عن أبي ذر رضي الله عنه قال: قال لي النبي صلى الله عليه وسلم:
«لَا تَحْقِرَنَّ مِنَ الْمَعْرُوفِ شَيْئًا، وَلَوْ أَنْ تَلْقَى أَخَاكَ بِوَجْهٍ طَلْقٍ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2626]
المزيــد ...

Abuu Zarri irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas naan jedhani:
"Tooltuu irraa homaa hin tuffatin, fuula ifaa ta'een obboleessa keetiin wol gahuu osoo ta'eellee".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2626]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- toltuu hojjachuu fi osoma xiqqoo ta'eellee isa tuffachuu dhabuutti kakaasani, sana irraa yeroo wol geettii seequun fuula ifuudha, muslimaaf isa irratti bololuun barbaachisaadha; obboleessa muslimaa mukuu baasuu fi gammachuu isatti seensisuun waan isa keessa jiruuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa Mu'umintoota gidduutti wol jaallachuunii fi yeroo wol geettiitti seequu fi gammaduun qabudha.
  2. Guutumummaa shari'aa kanaatii fi waan hundaa kan of keessatti qabate ta'uu isaati, inni dhugumatti hunda waan isa keessa tolinni muslimootaa fi tokkummaan isaanii jiruun dhufe.
  3. Yoo xiqqaatellee toltuu hojjachuutti kakaasuudha.
  4. Muslimootatti gammachuu seensisuun jaallatamaa ta'uu isaati; tokkummaa gidduu isaaniitti dhugoomsuun waan sana keessa jiruuf.