+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لَا تَبْدَؤوا الْيَهُودَ وَلَا النَّصَارَى بِالسَّلَامِ، فَإِذَا لَقِيتُمْ أَحَدَهُمْ فِي طَرِيقٍ فَاضْطَرُّوهُ إِلَى أَضْيَقِهِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2167]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2167]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kaafiroota irraa namni biroo hafee osoo walii galtee muslimootaa qabaatanillee yahuudaa fi Kiristaanota salaamtaan jalqabuu irraa dhoorganii, nuti karaa irratti tokkoo isaanii yeroo agarre gara irra dhiphaa karatti akka isa maksinu ibsan, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, walakaa karaa inni deemuu qabu mu’umina, kaafirri immoo cinaatti goruu qaba, Muslimni haaluma kamiinuu hin xiqqaataa ta'uu hin qabu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Yahuudota, kiristaanotaa fi kaafiroota biroo kamiyyuu salaamtaan jalqabuun muslimaaf hin hayyamamuudha.
  2. Yoo isaan salaamtaan eegalan akkana jechuun isaan irratti deebisuun ni danda'amaadha: 'Wa aleykum' jechuunis isin irrattis jechuudha.
  3. Muslimni tokko sababa tokko malee itti yaadee nama kaafiraa rakkisuu hin qabu, garuu karaan dhiphoo ykn namaan guutamaa yoo ta'e Muslimni mirga caalu itti qabaata, kaafirri ammoo karaa irraa gara cinaatti goruu qaba.
  4. Osoo hin meedhin yookaan haasaa hin badin, Jabeenya Muslimootaa agarsiisuu fi xiqqeenya warreen biroo mul'isuudha.
  5. Sababa isaan Rabbii ol ta'eef ajajamuu didaniif Kaafiroota irratti dhiphisuudha, sababa waan kanaa yoo kan beekan ta'an sun Islaamummaa qabachuu isaanitiif sababa ta'u danda'a; tarii ibidda irraa nagaa kan bahan ta'an.
  6. Muslimni tokko akkanumatti lafaa ka'ee yoo barbaachisaa ta'e kaafiraan akkam jirta, akkam bulte, akkam oolte? fi kkf yoo jedheen rakkoo hin qabu; Sababni isaas dhoorgaan salaamtaa irraa waan ta'eef jecha.
  7. Xiibiin akkana jedhe: Wanti filatamu, nama bid'aa dalagu tokko salaamtaan jalqabuu dhabuudha, Nama hin beeknen yoo salaamtaa jedhee eegasii nama walii galtee qabu ykn nama bid'aa dalagu ta'uun ifa gale isa xiqqeessuuf jecha akkana jedha: salaama kiyya deeffadhe.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa الموري kanadiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية
Garsisuu hiikowani