+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«حَقُّ الْمُسْلِمِ عَلَى الْمُسْلِمِ خَمْسٌ: رَدُّ السَّلَامِ، وَعِيَادَةُ الْمَرِيضِ، وَاتِّبَاعُ الْجَنَائِزِ، وَإِجَابَةُ الدَّعْوَةِ، وَتَشْمِيتُ الْعَاطِسِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1240]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu ni jedhe- Ergamaa Rabbiitii akkas jedhuun dhaga'e -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-:
"Haqni muslimaa muslima irratti waa shani, isaanis: salaamataa deebisuu, dhukkubsataa gaafachuu, janaazaa hordofuu, waamicha owwaachuu fi nama haxxiffateen Yarhamukallaah jechuudha".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1240]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii haqoota muslimni tokko obboleessa isaa muslimaa irraa qabu ifa galchan. Jalqabni haqoota kanaadhaa nama salaamataa siin jedheef salaamataa deebisuudha.
Haqni lammaffaa: dhukkubsataa gaafachuu fi isa ziyaaruudha.
Haqni sadaffaa: Mana isaatii hanga bakka irratti salaatamuu fi hanga iddoo qabriitti janaazaa hordofuudha.
Haqni afraffaa: Yeroo gara affeerraa cidhaa fi kan birootti isa waametti waamicha owwaachuudha.
Haqni shanaffaa: Nama haxxiffate gammachiisuudha, innis yeroo namichi haxxiffatee Alhamdulillaah jedhetti: Yarhamukallaah isaan jechuudha, eegasii namni haxxiffate sun: Yahdiikumullaahu wayuslihu baalakum jedha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Muslimootii gidduutti haqoota mirkaneessuu, obbolummaa fi jaalala gidduu isaaniitti gad jabeessuu keessatti guddina islaamummaan qabuudha.