+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم كان يقول:
«الصَّلَوَاتُ الْخَمْسُ، وَالْجُمُعَةُ إِلَى الْجُمُعَةِ، وَرَمَضَانُ إِلَى رَمَضَانَ، مُكَفِّرَاتٌ مَا بَيْنَهُنَّ إِذَا اجْتَنَبَ الْكَبَائِرَ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 233]
المزيــد ...

Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 233]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti salaatonni shanan kan guyyaa fi halkan keessatti dirqama godhamanii fi salaanni jumu'aa torbaan hunda salaatamuu fi woggaa hunda baatii Ramadaanaa soomuun ulaagaa badiiwwan gurguddoo irraa fagaachuutiin badiiwwan xixiqqoo isaan gidduutti raawwatamte ni haqan jechuudha himan. Badiiwwan gurguddoon akka sagaagalummaa fi farsoo dhuguuti, isiin tawbaan malee hin haqamtu.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Badiiwwan irraa gurguddoo fi xixiqqootu jira.
  2. Baddiiwwan xixiqqoon haqamuuf badiiwwan gurguddoo irraa fagaachuun dirqama.
  3. Badiiwwan gurguddoon isii duuniyaa irratti adabbiin isiidhaaf dhufeedha, yookaan kan Aakhiraatti sodaachifni adabbiidhaan, yookaan dallansuun, yookaan akeekkachiisaan, yookaan nama isii dalge abaaruun, kan isiidhaaf dhufeedha, sun waan akka sagaagalummaa fi farsoo dhuguufaadha.