+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«لَا تَجْعَلُوا بُيُوتَكُمْ قُبُورًا، وَلَا تَجْعَلُوا قَبْرِي عِيدًا، وَصَلُّوا عَلَيَّ؛ فَإِنَّ صَلَاتَكُمْ تَبْلُغُنِي حَيْثُ كُنْتُمْ».

[حسن] - [رواه أبو داود] - [سنن أبي داود: 2042]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
''Manneen keessan qabrii hin taasisinaa, akkasuma qabrii koos iida hin taasifatinaa (kan itti deddeebi'amee ayyaaneffatamu), salawaata narratti buusaa; salawaanni keessan bakkuma jirtanu irraa na qaqqabaa''.

[sirrii] - [abuu daawud odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 2042]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- manneen akka qabrii isii keessatti hin salaatamneetti salaata irraa ona taasisuu irraa dhoorgan. Akkasuma qabrii isaanii deddeebi'anii ziyaaruu fi isa biratti akkaataa baratamaa ta'een wolitti qabamuu irraa dhoorganiiru; waan sun karaa shirkiitti nama geessu ta'eef jecha. Akkasuma dachii keessatti iddoo kamittuu rahmataa fi nageenya isaan irratti buusuutti ajajan, dhugumatti sun dhihoos ta'ee fagoo irraa battaluma tokkotti waan isaan qaqqabuufi, kanaafuu qabrii isaanitti deddeebi'uuf dhimmi hin jiru.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Manneen ibaadaa Rabbii ol ta'ee irraa onsuu irraa dhoorguudha.
  2. Qabrii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ziyaaruuf imaluu irraa dhoorguudha; waan isaan salawaata isaan irratti buusuu ajajanii, sun akka isaan qaqqabus himaniif jecha, galaan kan hidhatamuuf masjiida ziyaaruu fi isa keessatti salaatuu qofaafi.
  3. Ziyaaraa qabrii Nabiyyichaa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irrattu haa buusu- iida taasifachuun haraama ta'uudha, Haala addaa ta'eefi yeroo addatti qabame keessatti ziyaaraa isaa irra deddeebi'uun, akkasuma ziyaaraa qabrii hundaayyuu.
  4. Yeroo hundaa fi iddoo hundatti rahmataa fi nageenya isaan irratti buusuu karaa gochuun, Karaamaa Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irrattu haa buusu- Rabbii isaanii birratti qaban agarsiisa.
  5. Qabrii biratti salaatuu irraa dhoorguun sahaabota biratti waan beeekamaa ta'eef; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- manneen akka qabrii keessatti hin salaatamnee taasifamuu irraa dhoorgan.