+ -

عن عائشة رضي الله عنها قالت: قال النبي صلى الله عليه وسلم:
«لَا تَسُبُّوا الْأَمْوَاتَ، فَإِنَّهُمْ قَدْ أَفْضَوْا إِلَى مَا قَدَّمُوا».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 1393]
المزيــد ...

Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Warra du'an hin arrabsinaa, isaan gara waan dabarsaniitti (hojii isaaniitti) deemaniiru".

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 1393]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra du'an arrabsuu fi kabajaa isaanii tuquun haraama ta'uu ibsan, akkasumas haalli kun haalowwan badoo irraa ta'uudha ibsan, hojiilee kheyrii irraa yookaan hojiilee hamtuu irraa isaan (warri du'an) gara waan dabarfatanitti waan gayaniif jecha, arrabni kunis warra lubbuun jiran azaa godha malee warra du'anitti hin gayu.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisichi warra du'an arrabsuun haraama ta'uu isaatiif ragaadha.
  2. Warra du'an arrabsuu dhiisuu keessa bu'aa warra lubbuun jiranuu eeguutu jira, akkasumas wal madeessuu fi wal jibbuu irraa nageenya hawaasaa eeguutu hadiisicha keessa jira.
  3. Sababni isaan arrabsuun dhoorgameef waan isaan gara waan dabarsaniitti gahanii jiranuufi, isaan arrabsuun homaa hin fayyadu, garuu isaan arrabsuu kana keessa firoota isaanii kan lubbuun jiran azaa godhuutu jira.
  4. Ilmi namaatiif waan bu'aan keessa hin jirre jechuun hin barbaachisu.