عَنْ مَطَرِ بْنِ عُكَامِسٍ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِذَا قَضَى اللَّهُ لِعَبْدٍ أَنْ يَمُوتَ بِأَرْضٍ جَعَلَ لَهُ إِلَيْهَا حَاجَةً».

[صحيح] - [رواه الترمذي] - [سنن الترمذي: 2146]
المزيــد ...

Maxar bin Ukaamis irraa akka odeeffametti- Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii ni jedhani:
«Rabbiin garbichaaf dachii wohii keessatti du'uu isaaf yeroo murteesse gara isiitti dhimma wohii isaaf taasisa».

[sirrii] - [tirmizii odeesse] - [sunana tarmizii - 2146]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin garbichaaf yeroo dachii wohii kan inni isii keessa hin jirre keessatti akka du'u isaa murteesse; gara isiitti dhimma wohii isaaf taasisee jennaan gara isiitti dhufuun, lubbuun isaa isii keessatti fuudhamti.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisichi dhugeessa jecha Rabbii ol ta'eeti: {Lubbuun kamuu dachii kam keessatti akka duutu hin beektu}.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (65)