+ -

عَنْ طَاوُسٍ أَنَّهُ قَالَ: أَدْرَكْتُ نَاسًا مِنْ أَصْحَابِ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، يَقُولُونَ كُلُّ شَيْءٍ بِقَدَرٍ، قَالَ: وَسَمِعْتُ عَبْدَ اللهِ بْنَ عُمَرَ رضي الله عنهما يَقُولُ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«كُلُّ شَيْءٍ بِقَدَرٍ، حَتَّى الْعَجْزِ وَالْكَيْسِ، أَوِ الْكَيْسِ وَالْعَجْزِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2655]
المزيــد ...

Xaawuus irraa akka odeeffametti, ni jedhe: sahaabota ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoottan wohii kan wonti hunduu murtoon ta'a jedhanin qaqqabe, ammas ni jedhe: Abdullaah bin umarii akkas jedhuun dhaga'e -Rabbiin isaan lameenuu irraa haa jaallatu-: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Wanti hunduu murtoon ta'a, dadhabbii fi collummaan illee yookaan collummaa fi dadhabbiin illee».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2655]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wanti hunduu murtoon akka ta'u ibsani; dadhabbiin illee, inni: wantooota duuniyaa fi aakhiraa keessatti waan hojjachuun isaa dirqama ta'u dhiisuu fi borun hojjadha ifataanin hojjadha osoo jedhanuu yeroo isaa irra dabarsuudha. collummaan illee, inni: wantoota duuniyaa fi aakhiraa keessatti si'aa'inaa fi collummaa qabaachuudha. Rabbiin guddaan dadhabbii, collummaa fi waan hundaa isatu murteesse, wanti tokkolleen beekumsii fi fedhiin Rabbii dursu malee uumama keeessatti argamuu hin danda'u.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Aqiidaa sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- qadara irratti qaban ibsuutu keessa jira.
  2. wanti hunduu murtoo Rabbiitiin ta'a dadhabbii fi si'aa'inni illee.
  3. hadiisa ergamaa Rabbii dabarsuu keessatti -Rabbiin rahmaataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mirkaneeffannaa fi of eeggannaa sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- qaban agarsiisa.
  4. murtoo hundatti toltuu fi hamtuu isaatti amanuudha.