+ -

عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ عَمْرِو بْنِ الْعَاصِ رضي الله عنهما قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«كَتَبَ اللهُ مَقَادِيرَ الْخَلَائِقِ قَبْلَ أَنْ يَخْلُقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ بِخَمْسِينَ أَلْفَ سَنَةٍ، قَالَ: وَعَرْشُهُ عَلَى الْمَاءِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2653]
المزيــد ...

Abdullaah ilma Amri ilma Al-aas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
"Rabbiin samiiwwanii fi dachii osoo hin uumiin woggaa kuma shantamaan duratti murtoowwan uumamtootaa barreessee jira, ni jedhan(Ergamaan): Arshiin Isaa bishaan gubbaadha jira".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2653]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin murtoo uumamtootaa waan argamuuf taa'u jireenya, du'a, rizqii fi wantoota kana fakkaatan kan biraa irraa adda babaasee lawhal mahfuuz(luuhii tikfamaa ta'e) irratti samiiwwanii fi dachii osoo hin uumin woggaa kuma shantamaan duratti akka barreessee jiru himan, isiin akkaataadhuma Rabbiin ol ta'e isii murteesseen argamtuudha. Wanti ta'u hundi murtoo Rabbiitii fi qadara isaatiin ta'a, Wanti gabricha tuqe isa dhabuu hin danda'u, wanti isa dhabe immoo isa tuquu hin danda'u.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Murtoo fi qadaratti amanuun dirqama ta'uu isaati.
  2. Qadara jechuun: Rabbiin wantootii beekuu, isii barreessuu, isii fedhuu fi isii uumuudha.
  3. Murtoowwan samiiwwanii fi dachiin uumamuun duratti barreefamuutti amanuun jaalalaa fi garaa guutuun waan sana fudhachuudha bu'aa buusa.
  4. Arshiin Rahmaan samiiwwanii fi dachiin uumamuun duratti bishaan irra tureedha.