+ -

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ مَسْعُودٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ:
حَدَّثَنَا رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَهُوَ الصَّادِقُ المَصْدُوقُ: «أَنَّ خَلْقَ أَحَدِكُمْ يُجْمَعُ فِي بَطْنِ أُمِّهِ أَرْبَعِينَ يَوْمًا وَأَرْبَعِينَ لَيْلَةً، ثُمَّ يَكُونُ عَلَقَةً مِثْلَهُ، ثُمَّ يَكُونُ مُضْغَةً مِثْلَهُ، ثُمَّ يُبْعَثُ إِلَيْهِ المَلَكُ، فَيُؤْذَنُ بِأَرْبَعِ كَلِمَاتٍ، فَيَكْتُبُ: رِزْقَهُ وَأَجَلَهُ وَعَمَلَهُ وَشَقِيٌّ أَمْ سَعِيدٌ، ثُمَّ يَنْفُخُ فِيهِ الرُّوحَ، فَإِنَّ أَحَدَكُمْ لَيَعْمَلُ بِعَمَلِ أَهْلِ الجَنَّةِ حَتَّى لاَ يَكُونُ بَيْنَهَا وَبَيْنَهُ إِلَّا ذِرَاعٌ، فَيَسْبِقُ عَلَيْهِ الكِتَابُ، فَيَعْمَلُ بِعَمَلِ أَهْلِ النَّارِ فَيَدْخُلُ النَّارَ، وَإِنَّ أَحَدَكُمْ لَيَعْمَلُ بِعَمَلِ أَهْلِ النَّارِ حَتَّى مَا يَكُونُ بَيْنَهَا وَبَيْنَهُ إِلَّا ذِرَاعٌ، فَيَسْبِقُ عَلَيْهِ الكِتَابُ، فَيَعْمَلُ عَمَلَ أَهْلِ الجَنَّةِ فَيَدْخُلُهَا».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 7454]
المزيــد ...

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu nijedhe-:
ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan dhugaa dubbataa dhugeeffamaa kan ta'an akkas jechuun nuuf odeessan: «uumamni tokkoo keessanii garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf wolitti qabama, eegasii guyyootuma fakkaataa sanaa keessatti dhiiga itite ta'a, eegasii ammas guyyootuma fakkaataa sanaa keessatti foon cittuu ta'a, eegasii malaaykaan gara isaatti ergamee, jechoota afuritti ajajama, rizqii isaa, beellama du'a isaa, hojii isaa fi hoonga'aa yookaan milkaa'aa ta'uu isaa barreessa, eegasii lubbuuu isatti afuufa, dhugumatti tokkoon keessan hanga isaafi jannata gidduutti dhundhuma tokko malee hinhafnetti hojii worra jannataa hojjatee, kitaabni isa irratti barreeffame isa dursuun hojii worra ibidda hojjatee ibidda seena. akkasuma dhugumatti tokkoon keessan hanga isaa fi ibidda gidduutti dhundhuma tokko malee hinhafnetti hojii worra ibiddaa hojjatee, kitaabni isa irratti barreeffame isa dursuun hojii worra jannataa hojjatee jannata seena».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 7454]

Ibsaa

ibnu mas'uud ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan jecha isaanii keessatti dhugaa dubbataa fi Rabbiin ol ta'e isaan dhugoomsuun dhugeeffamaa kan ta'an nuuf himani, ni jedhan: tokkoon keessan uumamni isaa walitti qabama, sun yeroo namtichi haadha manaa isaatiin wol qunnamtii godhe sanyiin hormaata dhiiraa adda faca'e garaa dhalaa keessatti guyyaa afurtamaaf sanyii hormaataa ta'ee walitti qabama, eegasii dhiiga ititaa ta'a, inni dhiiga furdaa gogaa ta'e dha, kun kan ta'u afurtameessoo lammaaffaa keessattidha, eegasii foon citaa ta'a, isiin cittuu foonii hanga nyaatamtu tokkoodha, kun kan ta'u afurtameessoo sadaffaa keessattidha, eegasii gara isaatti malaa'ikaan ergamuun, booda afurtamni sadeessoo dhumeetiii lubbuu isatti afuufa, eegasii malaa'ikaan jechoota afur barreessuutti ajajama, isaanis: rizqii isaa, innis umurii isaa keesstii qananii irraa hanga inni argachuuf deemudha, akkasuma guyyaa du'a isaa, innis hanga inni duuniyaa keessa jiraatudha, akkasuma hojii isaa, maal inni? hoonga'aadha moo yookaan immoo milkaa'aadhaa. eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun kakatani, dhugumatti tokkoon keessan hojii worra jannataa hojjata, hojiin isaas gaarii ta'a, akkas jechuun waan namootatti mul'atuun keessatti, hanga isaafi jannata gidduutti dhundhumni tokko hafutti akkasumatti itti fufa, akkas jechuun gidduu isaatii fi isiitti ga'uu gidduutti kan hafu akkuma nama dachee keessaa iddoo wohii gahuuf jecha dhundhumni tokko isaaf hafeeti, eegasii kitaabni isaa fi wanti isa irratti murtaa'e isa inifata, yeroo san hojii worra ibiddaa hojjachuun isaan isaaf xumuramee ibidda seena; ulaagaan qeebaltii hojii isaa isa irratti ragga'uu fi isa jijjiiruu dhabuudha, namni gariin immoo hanga isii seenuutti dhihaatutti hojii worra ibiddaa hojjata, akka waan isaaf ibidda gidduutti dachiin hangi dhundhuma tokkoo haftetti, kitaabnii fi wanti isa irratti murtaa'e isa injifatee hojii worra jannataa hojjachuun jannata seena.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. dhuma irratti itti galli wontootaa gara waan murtoon dursee fi waan qadaraan darbeeti.
  2. hojiiwwan xumara isaaniitiin madaalamu waan ta'eef hanga hojiitiin gowwoomuu irraa sodaachisuutu keessa jira.