+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«نَارُكُمْ جُزْءٌ مِنْ سَبْعِينَ جُزْءًا مِنْ نَارِ جَهَنَّمَ»، قِيلَ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، إِنْ كَانَتْ لَكَافِيَةً. قَالَ: «فُضِّلَتْ عَلَيْهِنَّ بِتِسْعَةٍ وَسِتِّينَ جُزْءًا كُلُّهُنَّ مِثْلُ حَرِّهَا».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3265]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Ibiddi keessan ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokkicha", ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii isiinuu geessuu kan taate turtee mitii. isaanis: "(ibiddi jahannam ibidda lafaa irra) harka jaatamii sagaliin caalchifamtee jirti, hundi isiituu akka gubaa ibidda lafa irraati".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3265]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ibiddi duuniyaa ibidda jahannam qooda torbaatama irraa qooda tokko akka ta'e himan, Ibiddi aakhiraa humni gubaa isii gubaa ibidda duuniyaa irra qooda jaatamii sagaliin caalti, qoodni hunda isiituu gubaa ibidda duuniyaatiin wal qixxaata. Yaa ergamaa Rabbii ibiddi duuniyaatuu nama isii keessa seenu adabuuf geessuudha jedhame, Ergamaanis ni jedhan: ibiddi jahannam ibidda duuniyaa irra qooda jaatamii sagaliin caalchifamte, hundi isiituu jabina gubaa isiitiin akka ibidda duuniyaati.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa foolaaniyyaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa اليونانية uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية اللينجالا المقدونية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. ibidda irraa nama sodaachisuutu keessa jirra hojii gara isiitti nama geessu irraa isaan fageessuuf jecha.
  2. ibiddi jahannamii fi adabbiin isii guddoo ta'uu, akkasumas gubaan isiis jabaa ta'uu.