+ -

عن ابن مسعود رضي الله عنه قال: قال النبي صلى الله عليه وسلم:
«الْجَنَّةُ أَقْرَبُ إِلَى أَحَدِكُمْ مِنْ شِرَاكِ نَعْلِهِ، وَالنَّارُ مِثْلُ ذَلِكَ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 6488]
المزيــد ...

Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
''Jannanni gara tokkoon kessaniitti Haada kophee keessanii irra dhihaatti, ibiddis akkasuma''.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 6488]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti jannannii fi ibiddi ilma namaatti haada kophee gubbaa faanaa irra jiruu caalaa dhihoo ta'uu himan, namni gariin ibaadaa waan Rabbiin jaallatu irraa tokko hojjatee isiidhaan jannata seenuun waan maluufi, yookaan badii tokko dalagee sababaa ibidda seenuu ta'uun isaa waan maluufi.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Toltuutti kakaasuu yoo xiqqatellee akkasumas hamtuu irraa sodaachisuu yoo xiqqaatellee.
  2. Muslimaaf jireenya isaa keessatti kajeellaa fi sodaa wolitti qabuun dirqama akka ta'ee fi yeroo hundumaa haqa irratti ragga'uu Rabbiin kadhachuu akka qabuudha, bilisa akka ba'uuf jecha, akkasumas haala ofiitiin gowwoomuu akka hin qabneedha.