عن سهل بن سعد رضي الله عنه عن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«مَنْ يَضْمَنْ لِي مَا بَيْنَ لَحْيَيْهِ وَمَا بَيْنَ رِجْلَيْهِ أَضْمَنْ لَهُ الْجَنَّةَ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 6474]
المزيــد ...

Sah'l ilma Sa'ad irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan:
''Namni waan hidhii isaa lameen gidduu jiruu (Arraba) fi waan luka isaa lameen gidduu jiru (Qaama saalaa) of naaf qabe jannatan isaaf of qaba''.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 6474]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota lama kan muslimni yoo isii qabate dhugumatti jannata seenu himan.
Tokkoffaan: waan Rabbii ol ta'e dallansiisu dubbachuu irraa Arraba eeguudha,
Lammaffaan: waan badaatti kufuu irraa qaama saalaa eeguudha;
Sababaa qaamolee kana lameenitiin badiiwwan argamuun waan heddummaatuufi.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qaama saalaa fi Arraba tiksuun jannata seenuuf karaadha.
  2. Arrabaa fi Qaama saalaa kan addatti dubbateef; duniyaa fi Aakhiraa keessatti balaaf nama saaxiluu keessatti madda irra guddaa waan isaan ta'aniifi.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (67)