+ -

عن سهل بن سعد رضي الله عنه عن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«مَنْ يَضْمَنْ لِي مَا بَيْنَ لَحْيَيْهِ وَمَا بَيْنَ رِجْلَيْهِ أَضْمَنْ لَهُ الْجَنَّةَ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 6474]
المزيــد ...

Sah'li ilma Sa'di irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan:
''Namni waan hidhii isaa lameen gidduu jiruu (Arraba) fi waan luka isaa lameen gidduu jiru (Qaama saalaa) of naaf qabe jannatan isaaf of qaba''

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 6474]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota lama kan muslimni yoo isii qabate dhugumatti jannata seenu himan.
Tokkoffaan: waan Rabbii ol ta'e dallansiisu dubbachuu irraa Arraba eeguudha,
Lammaffaan: waan badaatti kufuu irraa qaama saalaa eeguudha;
Sababa qaamolee kana lameenitiin badiiwwan argamuun waan heddummaatuufi.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qaama saalaa fi Arraba tiksuun jannata seenuuf karaadha.
  2. Arrabaa fi Qaama saalaa kan addatti dubbateef; duniyaa fi Aakhiraa keessatti balaaf nama saaxiluu keessatti madda irra guddaa waan isaan ta'aniifi.