+ -

عَنْ أَبِي بَكْرٍ الصِّدِّيقِ رضي الله عنه أَنَّهُ قَالَ: أَيُّهَا النَّاسُ، إِنَّكُمْ تَقْرَؤُونَ هَذِهِ الآيَةَ: {يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا عَلَيْكُمْ أَنْفُسَكُمْ لاَ يَضُرُّكُمْ مَنْ ضَلَّ إِذَا اهْتَدَيْتُمْ}، وَإِنِّي سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«إِنَّ النَّاسَ إِذَا رَأَوْا الظَّالِمَ فَلَمْ يَأْخُذُوا عَلَى يَدَيْهِ أَوْشَكَ أَنْ يَعُمَّهُمُ اللَّهُ بِعِقَابٍ مِنْهُ».

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي في الكبرى وابن ماجه وأحمد] - [سنن الترمذي: 2168]
المزيــد ...

Abuu Bakr Al-siddiiq irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, akkan jedhe: Yaa namoota, isin Aayaa tana ni qaraatu: {Yaa warra Rabbitti amantan lubbuu (qabuun) isin irra haa jiraatu, yoo isin qajeeltan namni jallate isin hin miidhu}. Ani Ergamaa Rabbiitin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhu dhagahe:
«Namoonni nama zaalima (miidhaa) yeroo arganii harka isaa lamaan hin qabin/ tarkaanfii irratti yoo hin fudhatin Rabbiin adabbii isaatiin isaan walitti qabuun ni dhihaata».

[sirrii] - [abuu daawud, tirmizii, nasa'iin kubraa keessatti- ibnumaajhfii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 2168]

Ibsaa

Abuu Bakr Al-siddiiq Rabbiin irraa haa jaallatu, namoonni aayata tana akka qara’an hime:
{Yaa warra Rabbitti amantan lubbuu (qabuun) isin irra haa jiraatu, yoo isin qajeeltan namni jallate isin hin miidhu} Maa'idaa: [105]
Namni tokko of tolchuuf qofa carraaquu akka qabu, sana booda warra karaa irraa maqe akka isaan hin miine, waan gaariitti ajajuu fi badii irraa dhoorguun akka isaan irraa hin barbaachifne hubatu!
Akkas akka hin taane fi inni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhan akka isaan barsiise: Namoonni nama zaalima yoo arganii isa dhoorguu irratti dandeettii osoo qabanii isa zulmii isa irraa dhoorguu baatanii, Rabbiin nama hundumaa kan badii hojjetee fi kan irraa calise adabbii walitti qabu isaanitti fiduun ni dhihaata.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Wal gorsuu fi kheyritti wal ajajanii hamtuu irraa wal dhoorguun dirqama Muslimootaati.
  2. Adabbiin Rabbii kan walitti qabaa tahe nama miidhaa tahe miidhaa isaatif, nama callise osoo danda'uu hamtuu irraa callisuu isaatif jecha ni hammata.
  3. Ummata barsiisuu fi barsiisa Qur’aanaa karaa sirrii ta’een akka hubatan gochuudha.
  4. Namni tokko kitaaba Rabbii guddaa hubachuuf tattaaffii gochuun isa irratt dirqama akka taheedha, sababni isaas kitaaba Rabbii ol ta'ee akka hin taanetti akka hin hubanneef jecha.
  5. Qajeellumni gaariitti ajajuu fi badii irraa dhoorguu dhiisuu waliin hin dhugoomu.
  6. Aayaa tanaaf Hiikkaan sirrii: Dilii irraa of eeguu keessatti jabaadhaa, Yoo lubbuu keessan eegdanii gaaritti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu yoo dadhabdan jallinni nama badii hojjechuun jallatee ofii keessaniif yoo irraa fagaattan isin hin miidhu jechuudha.