+ -

عَنْ عَمَّارِ بنِ ياسِرٍ رضي الله عنه قال:
بَعَثَنِي رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي حَاجَةٍ، فَأَجْنَبْتُ فَلَمْ أَجِدِ الْمَاءَ، فَتَمَرَّغْتُ فِي الصَّعِيدِ كَمَا تَمَرَّغُ الدَّابَّةُ ثُمَّ أَتَيْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَذَكَرْتُ ذَلِكَ لَهُ فَقَالَ: «إِنَّمَا كَانَ يَكْفِيكَ أَنْ تَقُولَ بِيَدَيْكَ هَكَذَا» ثُمَّ ضَرَبَ بِيَدَيْهِ الْأَرْضَ ضَرْبَةً وَاحِدَةً، ثُمَّ مَسَحَ الشِّمَالَ عَلَى الْيَمِينِ، وَظَاهِرَ كَفَّيْهِ وَوَجْهَهُ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 368]
المزيــد ...

Ammaar bin Yaasiir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhimma wahiitif na ergan, ani janaabayee bishaan argachuu hin dandeenye, kanaaf jecha akka beyladaan gangalatutti biyyee keessa gangaladhe, eegasii Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee sana itti himee, isaanis ni jedhan: "Harka kee lameenin akkana jechuutu siif gaya ture" eegasii yeroo tokko harka isaanii lameenin lafa rukutanii, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa’an, akkasumas gubbaa shanacha harka isaanii lameeni fi fuula isaanii haxaa'an.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 368]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu- Ammaar bin Yaasir -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- garii dhimmoota isaanitiif jecha imala erganii jennaan, imalicha keessatti walqunnamtii saalaa raawwachuudhaan ykn fedhiidhaan maniyyiin irraa dhangala'uun janaabaan isatti dhufee, bishaan ittiin dhiqatu argachuu hin dandeenye, Janaabaaf jecha hukmii tayammumaa hin beeku ture, garuu hukmii isaa hadasa xiqqaaf(waan akka dhuufuu, fincaanii fi sagaraatif) jecha ni beeka ture, Kanaafuu hadasa xiqqaa keessatti akkuma gariin qaamolee wuduu'aa biyyee lafaa irra haxaa'uun tayammuma godhamutti janaabadhaaf yeroo tayammuma godhatan biyyeen qaama hunda waliin gayuun dirqama jechuu yaade; bishaan irratti qiyaasa godhachuuf jecha, kanaaf hanga qaama hunda waliin gayutti biyyee keessa gangalatee salaate, Eegasii gara Nabiyyiitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee sana itti hime; haqa irra jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu akka beekuuf jecha? Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- hadasa xiqqaa akka fincaanitii fi hadasa guddaa akka janaabaa irraa akkamitti akka xaaharatu isaaf ibsan, innis harka isaa lameenin yeroo tokko biyyee irra rukutee, eegasii harka bitaatin harka mirgaa irra haxaa'uudha, akkasumas gubbaa shanacha harka isaa lameeni fi fuula isaa haxaa'uudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Tayammuma godhachuun duratti bishaan barbaaduun dirqama ta'uudha.
  2. Nama janaabdaa qabu kan bishaan hin argatiniif tayammuma godhachuun karaa ta'uudha.
  3. Hadasa guddaaf tayammuma godhachuun akkuma hadasa xiqqaaf jecha tayammuma godhachuuti.
dabaltii