عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«قَارِبُوا وَسَدِّدُوا، وَاعْلَمُوا أَنَّهُ لَنْ يَنْجُوَ أَحَدٌ مِنْكُمْ بِعَمَلِهِ» قَالُوا: يَا رَسُولَ اللهِ وَلَا أَنْتَ؟ قَالَ: «وَلَا أَنَا، إِلَّا أَنْ يَتَغَمَّدَنِيَ اللهُ بِرَحْمَةٍ مِنْهُ وَفَضْلٍ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 2816]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Itti dhihaadhaa karaa sirrii hordofaa, Isin irraa namni tokkolleen hojii isaatiin akka nagaa hin baane beekaa» sahaabonni akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii atis moo? isaanis akkas jechuun deebisan: Anas ta'u, yoo Rabbiin rahmataa fi tola isaatiin na haguuge malee».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 2816]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Sahaabonni akka hojjatan kakaasan, akkasumas hanga danda’aniin daangaa dabruu fi dagannoon maletti Rabbiin sodaachuu fi Rabbiif qulqulleessuu fi sunnaa hordofuun hojii isaaniitiin waan sirrii himiluu irratti isaan kakaasan; akka hojiin isaanii fudhatama argatee, rahmanni isaan irratti bu’uuf sababaa ta’uuf jecha.
Eegasii hojii isaa qofaan namni tokkolleen akka nagaa hin baane fi rahmata Rabbii irraa akka hafiinsi hin jirre himan.
Isaanis ni jedhan: Atillee yaa Ergamaa Rabbii hojiin kee gatii guddaa qabaatus nagaa si hin baasuu?
Isaanis akkana jedhan: Anilleen, yoo Rabbiin tola rahmata isaatiin na haguugee malee.