+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«إِنَّ اللهَ لَا يَنْظُرُ إِلَى صُوَرِكُمْ وَأَمْوَالِكُمْ، وَلَكِنْ يَنْظُرُ إِلَى قُلُوبِكُمْ وَأَعْمَالِكُمْ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2564]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Rabbiin suuraa keessanii fi qabeenya keessan hin ilaalu, garuu kan Inni ilaalu qalbii keessanii fi hojii keessani".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2564]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e suuraa gabrootaa fi qaama isaanii, isiin bareedduudha moo yookaan fokkattuudha? isiin guddoodha moo yookaan xiqqoodha? isiin fayyaadha moo yookaan dhukkubsattuudha? jedhee akka hin ilaalle ifa galchan. Akkasumas qabeenya isaani, isiin hedduudha moo yookaan muraasa? jedhee hin ilaalu Rabbiin injifate ol ta'e gabroottan Isaa wantoota kanaa fi isaan keessatti wal caaluu isaaniitiin isaan hin herregu, garuu kan ilaalu gara qalbii isaaniitii fi taqwaa, yaqiina, dhugummaa fi ikhlaasa isii keessa jiru ilaala, yookaan argisiifannaa fi na haa dhaga'anii fedhe moo maal fedhe jechuu ilaala, akkasumas hojii isaanii gaarii ta'uu fi badaa ta'uu isii ilaala, isii irratti mindaa fi ajriis kenna.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Haala jibbamaa hunda irraa qalbii tolchuu fi isii qulqulleessuutti xiyyeeffachuudha.
  2. Qalbiin toluun ikhlaasaan ta'a, hojiin toluun immoo Nabiyyii hordofuun ta'a -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan lameentu iddoo Rabbiin ol ta'e ilaaluu fi isa biratti yaada keessa galanuudha.
  3. Ilmi namaa qabeenya isaa, bareedinaa isaa, qaama isaatii fi haala duuniyaa kana irratti muldhatu tokkoonuu gowwoomuu hin qabuudha.
  4. Keessoo osoo hi tolchin waan bakkeetti muldhatu qofa irratti hirkachuu irraa sodaachisuudha.