+ -

عَنْ ابْنَ عُمَرَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«إِذَا رَأَيْتُمُوهُ فَصُومُوا، وَإِذَا رَأَيْتُمُوهُ فَأَفْطِرُوا، فَإِنْ غُمَّ عَلَيْكُمْ فَاقْدُرُوا لَهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1900]
المزيــد ...

Ibnu Umar irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- akkana kan jedhu dhaga'e:
«Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1900]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- mallattoo jalqabbii fi xumura baatii Ramadaanaa ibsanii,akkas jedhan: Ji’a Ramadaanaa yoo argitan soomaa, Yoo duumessaaf isa arguu dhabdan, ji'a Sha'abaanaa guyyaa soddoma lakkaa'aa soomaa, ji'a Shawwaal yoo argitan immoo sooma keessan hiikaa, yoo duumessaaf isa arguu baattan ji'a Ramadaanaatiif guyyaa soddoma lakkaa'aa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Jalqaba baatii mirkaneessuuf shallaggii osoo hin taane mul’ata baatii irratti hirkatanii hojjechuu akka ta'eedha.
  2. Ibnu al-Munzir soomni yoo ji’a Ramadaanaa osoo baatii hin argin shallaggii qofaan yoo ta'e soomuun dirqama akka hin taane walii galtee hayyoota Islaamaa dabarseera.
  3. Duumessi ykn kan kana fakkaatan baatii ji’a Ramadaanaa akka hin argine yoo dhoorge Sha'abaana guyyaa soddoma guutuun dirqama tahuudha.
  4. Baatiin tokko yoo ji'aan lakkaa'an guyyaa digdamii sagal, ykn guyyaa soddoma qofa ta'a.
  5. Duumessi ykn kan kana fakkaatan ji’a Shawwaal arguu irraa yoo dhoorge Ramadaana guyyaa soddoma xumuruun dirqama taha.
  6. Namni eddoo jireenyaa namni sooma muslimootaa too'atu hin jirre jiraatu, ykn sanaaf dhimma hin qabne yoo ta’e, tilmaama keessa galchee nama itti amanu gaafatee mirkaneefachuun, haala kanaan sooma jalqabuun ykn hiikuun isarra jiraata.
dabaltii