+ -

عن أبي بَكرة رضي الله عنه قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«إِذَا الْتَقَى الْمُسْلِمَانِ بِسَيْفَيْهِمَا فَالْقَاتِلُ وَالْمَقْتُولُ فِي النَّارِ»، فَقُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ هَذَا الْقَاتِلُ، فَمَا بَالُ الْمَقْتُولِ؟ قَالَ: «إِنَّهُ كَانَ حَرِيصًا عَلَى قَتْلِ صَاحِبِهِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 31]
المزيــد ...

Abuu bakirah irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii akkas jedhuun dhaga'e:
"Muslimni lama (wol ajjeesuuf jecha) seyfii isaaniitiin yoo wal qunnaman, kan ajjeeses kan ajjeefames ibidd keessatti ta'an>> nan jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii: inni kun isa ajjeese, kan ajjeefame immoo maaliifi? ni jedhan: "dhugumatti innis saahiba isaa ajjeesuuf bololaadha ture".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 31]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni lama haala lameen isaaniituu saahiba isaa balleessuuf yaadaaa ta'een yoo seyfii isaan lameenitiin wal qunnaman; inni ajjeese sababaa ajjeechaa saahiba isaa kallattiin raawwateef ibidda keessatti ta'aadha himan, Kan ajjeefame immoo akkamitti ibidda keessatti ta'a jechuun sahaabota dhibe? innis waan saahiba isaa ajjeesuu yaadaa tureef jecha ibidda keessatti akka ta'u Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- himan, ajjeesuu irraa homaa isa hin dhoorgine inni ajjeese daddafee isa dursuu isaa malee.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namni qalbii isaatiin badii irratti murteeffatee ka'ee sababoowwan isii raawwate adabbii haqa godhachuudha.
  2. Musimoonni wol ajjeesuu irraa sodaachisa jabaa fi isa irratti ibiddaan dinniinuudha.
  3. Muslimoota gidduutti haqaan wol ajjeesuun dinniinicha san keessa hin galu, sun akka shiftootafi balleessitoota ajjeesuuti.
  4. Namni badii guddaa dalage isiidhuma hojjachuu qofaan hin kafarsiifamu; sababni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- worra wol ajjeesan muslimoota jedhanii waan waamaniif jecha.
  5. Muslimoonni lama waan ittiin ajjeechaan argamu kamiiniyyuu yoo wol ga'anii inni tokko isa tokko ajjeese, kan ajjeeses kan ajjeefames ibidda keessatti ta'aadha himan, hadiisa keessatti seyfii qofa dubbachuun akka fakkeenyaatti.