+ -

عَنْ أَبِي العَبَّاسِ سَهْلِ بْنِ سَعِدٍ السَّاعِدِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: جَاءَ رَجُلٌ إِلَى النَّبِيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، دُلَّنِي عَلَى عَمَلٍ إِذَا عَمِلْتُهُ أَحَبَّنِي اللَّهُ وَأَحَبَّنِي النَّاسُ، فَقَالَ:
«ازْهَدْ فِي الدُّنْيَا يُحِبُّكَ اللَّهُ، وَازْهَدْ فِيمَا عِنْدَ النَّاسِ يُحِبُّكَ النَّاسُ».

[قال النووي: حديث حسن] - [رواه ابن ماجه وغيره بأسانيد حسنة] - [الأربعون النووية: 31]
المزيــد ...

Abul Abbaas Sahl ibnu Sa'ad Assaa'idii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: namichi wohii gara Nabiyyiitti dhufuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii!, hojiin yoo isa hojjadhe, Rabbiin na jaallatee, namnis na jaallatutti na qajeechi?, isaanis akkas jedhani:
«Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu».

[قال النووي: حديث حسن] - [رواه ابن ماجه وغيره بأسانيد حسنة] - [الأربعون النووية - 31]

Ibsaa

Namichi wohii gara hojii yoo inni isa hojjate Rabbiin isa jaallatuu fi namnis isaa jaallatuutti, akka isa akeekaniif jecha, Nabiyyii gaafate- Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas isaan jedhani: duuniyaa irraa waan haajaa kee irraa hafee fi Aakhiraattis si hin fayyanne yoo dhiiftee, akkasumas waan amantii kee irratti miidhaa ta'uu malus yoo dhiifte, Rabbiin si jaallata, namoonni immoo duuniyaa harka isaanii jiruuf dhimma yoo dhabde si jaallatu; uumama isaaniitiin duuniyaa jaallatu waan ta'eef jecha, duuniyaa keessatti nama isaaniin wol dhiibe ni jibbu, nama duuniyaa isaanif dhiise immoo ni jaallatu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Duuniyaaf dhimma dhabuu jechuun, waan Aakhiraaf isa hin fayyanne dhiisuudha.
  2. Zuhdiin (dhiimma dhabuun) sadarkaan isaa wara'iidhaa oli; wora'iin waan nama miidhuu malu dhiisuu waan ta'eef, zuhdiin immoo, waan Aakhiraatti bu'aa hin qabne dhiisuu waan ta'eef jecha.
  3. Aalimni islaamaa Sindiin akkas jedhe: duuniyaan namoota biratti jaallatamtuudha, nama isii keessatti isaanii waliin wal dhiibe, hanguma wol dhiibbaa sanaatiin isaan biratti jibbamaa ta'a, namni isaanii fi jaalallee isaanii dhiise immoo hanga dhiisa isaatiin, qalbii isaanii keessatti jaallatamaa ta'a.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية
Garsisuu hiikowani