+ -

عَنِ النَّوَّاسِ بْنِ سِمْعَانَ الْأَنْصَارِيِّ رضي الله عنه قَالَ:
سَأَلْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَنِ الْبِرِّ وَالْإِثْمِ، فَقَالَ: «الْبِرُّ حُسْنُ الْخُلُقِ، وَالْإِثْمُ مَا حَاكَ فِي صَدْرِكَ، وَكَرِهْتَ أَنْ يَطَّلِعَ عَلَيْهِ النَّاسُ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2553]
المزيــد ...

Nawwaas bin Sam'aan Al-Ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee gaari fi dilii irraa gaafadhee, akkana jedhan: «Gaariin amala gaarii qabaachuudha, diliin immoo waan qoma kee keessa deddeebi'ee, namoonni irratti si arguu jibbiteedha».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2553]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaarii fi dilii gaafatamanii, akkana jedhan:
Irra guddaan haalowwan gaarii Isa sodaachuun Rabbiin wajjiin amala gaarii qabaachuudha. Uumama wajjiin ammoo miidhaa baachuun, dallansuu xiqqeessuun, fuula diriirsuun, haasaa toluun, rahima sufuun, Rabbiif ajajamuun, garaa laafuun, toltuu hojjachuun, haala fi hiriyyummaa gaariin nama waliin jiraachuudha.
Diliin ammoo, osoo qomti isaaf hin bal'atin wantoota nama irratti wal fakkaatan irraa waan lubbuu keessa sochoo'ee asiif ahhi naanna'ee, isa irraa qalbii keessatti shakkiin argameedha, akkasumas badii ta'uun isaa sodaatamee, waan inni jibbamaa ta'eef namoota gurguddaa fi fakkeenya ta'an fuulduratti isa mul'isuu kan ati hin jaallatini, kunis Lubbuun ilma namaa tun uumamaan hojii gaarii isii namoonni akka beekan barbaaddi, dalagaa isii tokko tokko namni jalaa akka hin argine yoo feete, gochi sun dilii dha, waan gaarii of keessa hin qabu jechuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Amaloota gaggaarii qabaachuu irratti kakaasuudha; Amalli gaariin irra guddaa amaloota gaarii irraa tokko waan ta'eef jecha.
  2. Dhugaa fi dharri mu'uminatti wal hin fakkaatu, inumaa inni dhugaa ifa qalbii isaa keessa jiruun beeka, Soba ammoo irraa fagaatee isa morma.
  3. Mallattoolee dilii keessaa tokko qalbiin namaa ragga'uu dhabuu fi asiif achi garagaluudha, akkasumas namoon waan san irratti akka si arguu jibbuudha.
  4. Sindiin akkana jedhe: Hadiisni kun dhimma shakkisiisaa, wal xaxaa namoonni waan lama keessaa tokko sirritti addaan hin baafamne irratti xiyyeefata, yoo akkas hin taanee, inni shari'aa keessatti itti ajajamee yoo ragaan isa faallessu hin jiraatin gaarii irraa lakkaa'ama, haaluma wal fakkaatuun wanti irraa dhoogaan godhamees badii irraa lakkaa'ama, qalbii gaafachuu fi tasgabbii isaa eeguun hin barbaachisu.
  5. Hadiisni kan ilaallatu warra uumama nagaa fi qulqulluu qaban malee warra qalbiin isaanii haqa irraa jallatee wanti gaari fi badaanis isaan biratti tokko tahe hin ilaallatu, qalbiin isaanii fedhii isaa irraa wahuma obaafame malee waan biraa quba hin qabu.
  6. Xiibiin akkana jedhe: akkana jedhame: jechi "Birr" jedhu Hadiisicha keessatti hiikawwan hedduun hiikameera, eddoo tokkotti waan lubbuun itti tasgabbaa'uun hiikan, eddoo tokkotti immoo Imaana jedhanii hiikan, eddoo tokkotti waan Rabbiitti si dhiheessu jedhanii hiikan, Hadiisa kana keessatti ammoo amala gaarii jedhanii hiikan, amalli gaariinis akkas jedhamee hiikame: miidhaa baadhachuu, aarii xiqqeessuu, fuula diriirsuu fi haasaa toluudha, hundinuu hiika keessatti walitti dhihaatu.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa roomaniyaffaa majriffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani