+ -

عن جابر رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«رَحِمَ اللهُ رَجُلًا سَمْحًا إِذَا بَاعَ، وَإِذَا اشْتَرَى، وَإِذَا اقْتَضَى».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 2076]
المزيــد ...

Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu".

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 2076]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama gurgurtaa isaa keessatti laafaa fi arjaa ta'e hundaaf rahamataan du'aa godhaniif; Nama bitutti gatii hin jabeessu, akkasumas haala gaariin isa keessummeessa, Laafaa arjaa kennaadha yeroo bitus; gatii cabsee meeshaa hin xinneessu, Akkasumas yeroo liqaa isa kaffaluu gaafatetti laafaa arjaa kennaadha; rakkataa fi haajomaa irratti hin jabeessu, inumaa laphe ba'aa fi suutumaan gaafata, rakkataaf immoo yeroo kennaaf.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Kaayyoo shari'aa irraa waan walitti dhufeenya gidduu namootaa tolchu tiksuudha.
  2. Gurgurtaa, bittaa fi waan biroo kan hojiilee gidduu namootatti aragaman irraa ta'e keessatti irra ol aantuu akhlaaqaa fayyadamuutti kakaasuudha.