+ -

عن عبد الله بن عمرو رضي الله عنهما قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«إِنَّ الْمُقْسِطِينَ عِنْدَ اللهِ عَلَى مَنَابِرَ مِنْ نُورٍ، عَنْ يَمِينِ الرَّحْمَنِ عَزَّ وَجَلَّ، وَكِلْتَا يَدَيْهِ يَمِينٌ، الَّذِينَ يَعْدِلُونَ فِي حُكْمِهِمْ وَأَهْلِيهِمْ وَمَا وَلُوا».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1827]
المزيــد ...

Abdullaah ilma Amri irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Worri haqaan murteessan (guyyaa qiyaamaa) Rabbiin biratti teessoowwan ifa irraa ta'e irratti, gara mirga rahmaaniin ta'ani, harki Isaa lameenuu miraga, isaannan murtoo isaanii keessatti, maatiiwwan isanii fi waan irraatti muudaman irratti haqa eeggatan".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1827]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaannan namoota bulchiinsa isaanii jala jiran, murtoo isaanii jala jiranii fi maatii isaanii gidduutti haqaa fi dhugaan murteessan guyyaa qiyaamaatti kabajaa isaaniif jecha teessoowwan haalaan ol fuudhamoo ifa irraa uumaman irra taa'u jedhanii himan. Teessowwan kun mirga rahmaanitti argamu, harki Isaa lameenuu -Inni qulqullaa'e- mirgaadha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa haqaan murteessuun qabuu fi isa irratti kakaasuudha.
  2. Haqaan murteessuun bulchiinsa hundaa fi namoota gidduutti murtoo gochuu of keessatti qabata, inumaayyuu haadha manaa, ilmaanii fi kanneen biroo gidduutti haqaan murteessuunis isuma irraayi.
  3. Sadarkaa worri haqaan murteessanu guyyaa qiyaamaatti qaban ibsuudha.
  4. Sadarkaan worra iimaanaa guyyaa qiyaamaatti akka wol dhabaa ta'e agarsiisa, hunduu akkaataa hojii isaatiini.
  5. Mala kajeelchisuutiin barsiisuun maloowwan da'awaa itti geessan keessaa isii nama waamamu rabbiif ajajamuutti kakaastu keessaayi.