عَنْ جَرِيرٍ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنْ يُحْرَمِ الرِّفْقَ يُحْرَمِ الْخَيْرَ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2592]
المزيــد ...

Jariir irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbii irraa akka odeessetti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni gara laafummaa dhoorgatame khayrii hunda dhoorgatameera».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2592]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni dhimma duuniyaa fi diinii keessatti akkasuma dhimma ofii fi dhimma namoota biroo woliin raawwatu keessatti gara laafummaa dhoorgatame, dhugaan toltuu hunda dhoorgatamee jira jechuu himani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa gara laafiinsi qabu, isa amaleeffachuutti kakaasuu fi gara jabina qeequudha.
  2. Gara laafiinsa keessa toltuun biyya lamaa toora qabachuutu jira, akkasuma dhimmoonni isaanii bal'achuutu jira, gara jabina keessa immoo faallaa isaatu jira.
  3. Gara laafummaan amala toluu fi nagummaa irraa kan maddudha, gara jabinni immoo dallansuu fi amala dhabummaa irraa kan maddudha, kanaaf nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- faaruu daangaa darbeen gara laafummaa faarsan.
  4. Aalimni salafaa guddaan sufyaan assawrii jedhamu -Rabbi isaaf haa araaramu- hiriyoota isaatiin akkas jedhe: gara laafummaan maal akka ta'e beektuu? inni wantoota bakka isiidhaaf malu kaa'uudha, gara jabina bakka isaaf malu, gara laafinas bakka isaaf malu, sayfiis bakka isaaf malu, alangaas bakka isaaf malu kaa'uudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (50)