+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«كان رجلٌ يُدَايِنُ الناسَ، فكان يقول لفتاه: إذا أتيتَ مُعسِرًا فتجاوز عنه، لعل اللهَ يَتجاوزُ عنا، فلقي اللهَ فتجاوز عنه».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 1562]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Namicha tokko kan namootaaf waa liqeessutu ture, gurbaa isaatiin akkas jedha ture: yeroo rakkataatti dhufte irra isaaf darbi, Rabbiin irra nuuf darbuutu mala, eegasii Rabbiin wol gahee jennaan Rabbiinis irra isaaf darbe".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 1562]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha liqaan namootaa waliin hojjatu yookaan beellamaan isaanitti gurguru irraa dubbatan, Ilma isaa kan liqaa namoota bira jiru sassaabuun akkas jedha ture: Yeroo nama waa liqeeffatee rakkina isaa irraa waan liqaa ittiin kaffalu hin qabne "irra isaaf darbi" yookaan isaaf tursiisuun, akkasumas gafachuu keessatti isatti jabeessuu dhabuun, Yookaan hirdhuu yoo ta'ellee waan inni qabu qeebaluuni, sun kaka'umsa isa irraa ta'ee fi Rabbiin irra isaaf darbuu fi isaaf dhiisuu kajeeluudhaaf jecha. Yeroo inni du'e Rabbiin isaaf dhiisee badiiwwan isaa irra isaaf darbe.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namootaa waliin hojjachuu keessatti isaanitti tola ooluun, dhiifama isaani gochuunii fi rakkataa isaanii irra darbuuniif irra guddaa sababaawwan guyyaa qiyaamaa garbicha bilisa baasan irraayi.
  2. Namootatti tola ooluun, Rabbiif qulqulleessuunii fi rahmata isaa kajeeluun sababoowwan badiin itti namaaf dhiifaman irraayi.