+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«لَيْسَ الشَّدِيدُ بِالصُّرَعَةِ، إِنَّمَا الشَّدِيدُ الَّذِي يَمْلِكُ نَفْسَهُ عِنْدَ الْغَضَبِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6114]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Jabaan kan wallaansoo qabee injifate osoo hin taane, dhugumatti jabaan isa yeroo dallansuutti lubbuu isaa to'atuudha".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6114]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jabinni dhugaa jabina qaamaa akka hin taane yookaan isa namoota biroo humna qaban wallaansoon injifatu akka hin taane ifa galchani, dhugumatti humna qabeessi jabaan isa yeroo dallansuuun isatti jabaatutti lubbuu isaatti qabsaa'ee isii injifateedha; dandeettii lubbuu isaa to'achuu fi shayxaana injifachuu isaa wanti kun waan agarsiisuuuf.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa obsaatii fi yeroo dallansuutti lubbuu ofii to'achuun qabu, inni hojiiwwan gaggaarii islaamummaan itti kakaase keessa tokkoodha.
  2. Yeroo dallansuutti lubbuu ofii irratti qabsaa'uun diina irratti qabsaa'uu irra jabaadha.
  3. Islaamummaan madaallii jabina jaahiliyyummaa gara haala bareedduutti jijjiiruu isaati, humnaan irra jabaan namaa inni nama luugama lubbuu isaa to'ateedha.
  4. Dallansuu irraa fagaachuudha, miidhaa inni dhuunfaa fi hawaasa irraan ga'uuf jecha.