+ -

عن ابنِ عُمَرَ رضي الله عنهما قال: قال رسولُ الله صلَّى الله عليه وسلم:
«مَن تَشَبَّهَ بِقَوْمٍ فَهُوَ مِنْهُمْ».

[حسن] - [رواه أبو داود وأحمد] - [سنن أبي داود: 4031]
المزيــد ...

Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Namni ummata wohiitti fakkaate inni isaan irraayi".

[hasani] - [abuu daawud odeesse - ahmad odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 4031]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni ummattootatti fakkate kaafiroota irraa ta'anus yookaan finciltoota irraa ta'anus yookaan gaggaarii irraa ta'anus, aqiidaa yookaan ibaadaa yookaan aadaa irraa waan adda isaan godhu wahii hojjachuun namni isaanitti fakkaate inni isaan irraa akka ta'e himani; alaan jaratti fakkachuun keessaan gara jaratti fakkaachuutti waan nama geessuuf jecha, ummata wahiitti fakkachuun jara dinqisiifachuu irraa akka maddu mamiin hin jiru, kun gara jara jaallachuu, kabajuu fi gara jaraatti dabuutti geessuun isaa ni mala, kun immoo -Rabbiin nu haa eeguutii- keessoottii fi ibaadaadhaan gara jaratti fakkaachuutti nama gessuu isaatu mala -

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Kaafirtootaa fi finciltootatti fakkaachuu irraa sodaachisuudha.
  2. Worra gaggaariitti fakkachuu fi isaanitti hidhachuutti kakaasuudha.
  3. Alaan wal fakkaachuun keessootti wol jaallachuu nama dhaalchisa.
  4. Namichi akkaataadhuma itti fakkaannaa fi gosa itti fakkaannaatiin dinniinnii fi badiin isa qaqqaaba.
  5. Amantii isaaniitii fi aadaawwan isaanii keessatti kaafirootatti fakkaachuu irraa dhoorguudha, waan sana hin taane akka ogummaa fi kan sana fakkaatan barachuun immoo dhoorgaa kana keessa hin galu.