+ -

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لَتَتَّبِعُنَّ سَنَنَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ، شِبْرًا بِشِبْرٍ، وَذِرَاعًا بِذِرَاعٍ، حَتَّى لَوْ دَخَلُوا فِي جُحْرِ ضَبٍّ لَاتَّبَعْتُمُوهُمْ» قُلْنَا: يَا رَسُولَ اللهِ آلْيَهُودَ وَالنَّصَارَى؟ قَالَ: «فَمَنْ؟».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 2669]
المزيــد ...

Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jaalatu- akkana jedhan:
«Karaa warra isin dura turanii taakkuu taakkuun, dhundhuma dhundhumaan Rabbitti kakadhee hordofuuf teessan, Osoo isaan boolla wakkallee keessa seenanillee isin isaan ni hordoftan» ni jenne: Yaa Ergamaa Rabbii! Yahuudaa fi Kiristaanaa isaan? isaanis ni jedhan: «Eenyu ree?»

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 2669]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waan booda bara isaanitii haalli ummata isaanii tokko tokkoo irratti ta'u himan, kunis amantaa, gocha, aadaa fi duudhaa isaanii keessatti karaa Yahudootaa fi Kiristaanotaa hordofuudha, Hordoffii garmalee ta'e, taakkuu taakkuun, dhundhuma dhundhumaan, hanga yoo isaan boolla wakkallee seenanillee isaan kun isaan duuka isa seenanitti.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Mallattoo Nabiyyummaa isaanii keessaa isa tokko, kunis kan ta'e wanti tokko osoo hin ta’in dura ni ta'a jedhanii dubbatanii akkuma isaan dubbatanitti argame.
  2. Amantii ykn ibaadaa ykn ayyaana ykn uffata isaanii keessatti Muslimoonni akka kaafirootatti hin faakkaanne dhoorguudha.
  3. Fakkeenya qabatamaan nama barsiisuun maloota barsiisa Islaamummaa keessaa isa tokkoodha.
  4. Wakkalleen: bineensa boolli isaa garmalee dukkanaa’ee fi garmalee hafuura ajaa qabuudha, Innis bineensota garaan lafarra looyan yoo ta'u, gammoojjii keessatti baay’inaan argama. boolla wakkallee addatti wanni dubbataniif: Baay'ee dhiphina qabaachuu isaati fi gad galummaa isaatif jecha. kanuma waliinuu -faana isaaniti fi karaa isaanii hordofuu isaanii irraa kan ka'een- osoo isaan waan akkanatti dhiphaa ta'ee fi gad galoo ta'ee kana keessa seenanii isaanis inuma seenu, Rabbiin gargaarsifatamaadha.