+ -

عن ابْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما أنه سَمِعَ رَجُلًا يَقُولُ: لَا وَالْكَعْبَةِ، فَقَالَ ابْنُ عُمَرَ: لَا يُحْلَفُ بِغَيْرِ اللَّهِ، فَإِنِّي سَمِعْتُ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«مَنْ حَلَفَ بِغَيْرِ اللهِ فَقَدْ كَفَرَ أَوْ أَشْرَكَ».

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي وأحمد] - [سنن الترمذي: 1535]
المزيــد ...

Ibnu umar irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- dhugumaan inni namicha tokkoo kan akkas jedhu dhagahe: ka'abaadhaan kakadhe hin ta'u. ibnu Umaris ni jedhe: waan Rabbiin malee jiruun hin kakatamu, ani Rasuula Rabbiitii akkas jedhan dhagahe -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-:
"Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse''.

[sirrii] - [tirmizii odeesse - abuu daawud odeesse - ahmad odeesse] - [sunana tarmizii - 1535]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Namni waan Rabbiin, maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin ala jiruun kakate dhugaadhaan akka Rabbitti kafare yookaan shaarraksiise himan; kakuun waan isaan kakatame guddisuutti geessa, guddinni daangaa hin qabne kan Rabbii tokkichaa qofaati. Rabbii fi maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin malee hin kakatamu -Inni qulqullaa'e-. Kakaan kun shirkii xiqqaa irraayi; garuu yoo namni kakatu waan ittiin kakatu akka Rabbii ol ta'ee guddisutti yookaan isaa olitti guddisa ta'e; yeroo sana shirkii guddoo irraa ta'a.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Kakaan guddisuun haqa Rabbii qofa -inni qulqullaa'e ol ta'e- Rabbii fi maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin malee hin kakatamu.
  2. Bololii sahaabonni toltuutti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu irratti qaban agarsiisa, keessattu badichi kufrii yookaan shirkitti kan rarra'u yoo ta'e.