+ -

عَنْ مَحْمُودِ بْنِ لَبِيدٍ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِنَّ أَخْوَفَ مَا أَخَافُ عَلَيْكُمُ الشِّرْكُ الْأَصْغَرُ» قَالُوا: وَمَا الشِّرْكُ الْأَصْغَرُ يَا رَسُولَ اللهِ؟ قَالَ: «الرِّيَاءُ، يَقُولُ اللهُ عز وجل لَهُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ إِذَا جُزِيَ النَّاسُ بِأَعْمَالِهِمْ: اذْهَبُوا إِلَى الَّذِينَ كُنْتُمْ تُرَاؤُونَ فِي الدُّنْيَا، فَانْظُرُوا هَلْ تَجِدُونَ عِنْدَهُمْ جَزَاءً؟».

[حسن] - [رواه أحمد] - [مسند أحمد: 23630]
المزيــد ...

Mahmuud bin Labiid irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkana jedhan:
Dhugumatti wanti ani isiniif baay’ee sodaadhu shirkii xixiqqoodha" Isaanis ni jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii shirkii xiqqaan maali? Isaanis ni jedhan: “na argiidha, Rabbiin ol ta'e Guyyaa Qiyaamaa, yeroo namoonni hojiilee isaanitiif mindaa argatanitti akkana jedha: Gara warra dur addunyaa keessatti argisiifataa turtanii deematii mindaa akka isaan biraa argattan mee ilaalaa".

[sirrii] - [ahmad odeesse] - [Musnada Ahmad - 23630]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanitiif wanti akkaan sodaatan shirkii xiqqaa ta’uudha himan, innis namni na haa arguuf waa hojjachuudha. Eegasii guyyaa qiyaamatti adabbiin warra nama agarsiifachuuf jecha Hojjetanii akka akkas isaanin jedhamuu ta'e himan: Gara warra isaanif jecha hojjataa turtanii deemaatii hojii sana irratti akka mindaa isiniif kennuu danda'an mee ilaalaa?!

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hojii Rabbii ol ta'e qofaaf qulqulleessanii hojjachuu fi na argii irraa fagaachuun dirqama ta'uudha.
  2. Rifachuun Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanitiif qaban, bololli isaan qajeelluma isaanitii qabanii fi gaarii isaanii yaaduun isaanii cimaa ta'uudha.
  3. Kuni sahaabota dureeyyii warra gaggaarii ta'aniif sodaa isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yoo ta'e, namoota isaan booda dhufan irratti sodaachuun ni cima.