1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa

عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ مَسعودٍ رضي الله عنه عن رَسولِ اللهِ صلى الله عليه وسلم قال:
«الطِّيَرَةُ شِرْكٌ، الطِّيَرَةُ شِرْكٌ، الطِّيَرَةُ شِرْكٌ، -ثلاثًا-»، وَمَا مِنَّا إِلَّا، وَلَكِنَّ اللهَ عَزَّ وَجَلَّ يُذْهِبُهُ بِالتَّوَكُّلِ.

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
"Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa.

sirrii abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan Sunana abbaa daawud - 3915

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- faana ilaallachuu irraa akeekkachiisan, isheen simbirroo ykn wantoota lubbuu qaban ykn namoota qaama miidhamtoota ykn lakkoofsa ykn goyyoota ykn waan biroo irraa ta'ee waan dhaga'amu ykn mul'atu hunda irraa faana ilaallachuudha, Simbirroo wanni dubbataniif inni warra jaahiliyyaa biratti beekamaa waan ta'eef jecha, Ka’umsi isaa gocha akka imalaa ykn daldalaa ykn wantoota biroo eegaluuf yeroo jedhan simbirroo oofuudha, simbirroo sun yoo gara mirgaatti balali'e gaariitti yaadee waan gochuu barbaade itti fufa, gara bitaatti yoo balali'e immoo waan hamatti yaadee gocha isaa irraa dhaabbata. Gochi kun shirkii akka ta'es himaniiru, faana ilaallachuun shirkii wanni ta'eef; kheyrii fidee hamtuu kan deebisu Rabbii tikkicha shariika hin qabne qofa waan ta'eef jecha.
Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- faana ilaallachuun yeroo tokko tokko qalbii Muslimaa keessatti akka argamu eereera, garuu sababowwan hojjachuu waliin Rabbirratti hirkachuun of irraa deebisuun akka isa irra jirus eereera.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Faana ilaallachuun shirkiidha; Sababni isaas waan Rabbiin malee jirutti qalbiin rarra'uun waan isa keessa jiruuf jecha.
  2. Akka isaan kunuunfamanii fi qalbii keessatti ragga'aniif jecha dhimmoota barbaachisoo ta'an irra deddeebi'uun barbaachisaa ta'uudha.
  3. Rabbii ol ta'e irratti hirkachuun faana ilaallachuu nama irraa dhabamsiisa.
  4. Rabbiin qofa irratti hirkachuu fi rarra'iinsi qalbii Isa qofatti akka ta'u ajajuudha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

58 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية