+ -

عَن عَبدِ الله بنِ الشِّخِّير رضي الله عنه قَالَ:
انْطَلَقْتُ في وَفدِ بَنِي عَامِرٍ إِلى رَسُولِ الله صلى الله عليه وسلم، فَقُلنا: أَنتَ سيّدُنَا، فقال: «السَّيدُ اللهُ»، قُلنا: وَأَفْضَلُنا فَضْلاً، وأعظَمُنا طَوْلاً، فقال: «قُولُوا بِقَولِكُم، أَو بَعضِ قولِكُم، وَلَا يَسْتَجْرِيَنَّكُم الشَّيطَانُ».

[صحيح] - [رواه أبو داود وأحمد] - [سنن أبي داود: 4806]
المزيــد ...

Abdullaah bin Al-shikkiir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Jiila warra Banii Aamiir waliin gara Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufee, akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “Waan jettan, ykn waan dubbattan keessaa muraasa dubbadhaa, Sheeyxanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamin”.

[sirrii] - [abuu daawud odeesse - ahmad odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 4806]

Ibsaa

Gareen tokko gara Nabiyyitti dhufanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo isaan bira gahan jechoota tokko tokkoo kan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin jaallanne isa faarsanii jedhan, Ni jedhan: “Ati gooftaa keenya”, Isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanin akkana jedhan: "Gooftaa Rabbiin qofa" Uumama Isaa irratti gooftummaa guutuu kan qabu Isuma qofa, uumamni hundi gabroota Isaati. Isaanis akkas jedhan: Ati "gama sadarkaatii irra caalaa keenya" gama kabajaatihis ati irra ol aanaa keenya. Ati “gama arjumaatii irra guddaa keenya” akkasumas ati gama kennaatii irra hedduu keenya. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haasaa isaanii kan barame akka dubbatan, jechoota hin jirre dubbachuuf akka hin rakkinnee fi gara daangaa darbuu shirkii fi wantoota shirkitti geessan irraa waan haraama ta'e keessa nama galchutti sheyxaanni akka isaan hin harkifne isaan qajeelchan. ​

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Lubbuu sahaaboota isaanii keessatti Guddina sadarkaa Nabiyyiiti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, akkasumas kabajaa sahaaboonni isaanii isaanif qabaniidha.
  2. Jechoota keessatti of dirqisiisuu irraa dhoorguu fi yeroo dubbatan of qusachaa dubbachuun barbaachisaa ta'uudha.
  3. Jechoota fi hojiilee towhiida irratti rakkoo fidan irraa towhiida eeguudha.
  4. Karaa ittiin sheyxaanni namatti galuun keessaa tokko waan ta’eef daangaa darbuu irraa dhoorguudha.
  5. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sayyida ilmaan Aadam yoo ta'an, wanni hadiisicha keessatti dhufe of gadi qabuu irraa kan ka'ee fi ummanni isaanii isaan keessatti daangaa darbuu sodaa irraa kan ka'eeniidha.