+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنْ رَسُولِ اللهِ صلى الله عليه وسلم أنه قال:
«وَالَّذِي نَفْسُ مُحَمَّدٍ بِيَدِهِ لَا يَسْمَعُ بِي أَحَدٌ مِنْ هَذِهِ الْأُمَّةِ يَهُودِيٌّ وَلَا نَصْرَانِيٌّ، ثُمَّ يَمُوتُ وَلَمْ يُؤْمِنْ بِالَّذِي أُرْسِلْتُ بِهِ إِلَّا كَانَ مِنْ أَصْحَابِ النَّارِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 153]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jirtuunan kakadha, namni tokko ummatattii kana irraa yahuudaas ta'ee kiristaanas waan koo dhaga'ee, ergasii waan ani ittiin ergametti osoo hin amanin kan du'u yoo ta'e worra ibiddaa irraa ta'u malee hin hafu".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 153]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni tokko ummata tana irraa Yahuudas ta'ee, yookaan Kiristaana yookaan kan biraa waamichi Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa bira gayuun waa'ee isaanii dhaga'ee isaanitti osoo hin amanin kan du'u yoo ta'e worra ibiddaa irraa ta'u malee hin hafu, ibiddaa sanaan keessa abaditti kan turu haala ta'een jechuu irratti Rabbitti kakatan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Ergaan Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- addunyaa guutuuf ta’uudha, akkasumas isaan hordofuun dirqama ta’uu fi hundummaan shari'aa shari'aa isaanitiin shaaramuudha.
  2. Namni Nabiyyitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kafare Nabiyyoota birootti amane jechuun isaa isa hin fayyadu, hunda isaanirrattuu rahmannii Rabbii haa jiraatuu.
  3. Namni waa'ee Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin dhagayin, ergaan Islaamaas isa yoo hin qaqqabin inni uzriidha qaba, dhimma isaas Aakhiratti Rabbii ol ta'eetu akka godha beeka.
  4. Yoo du’aaf dhihoo ta’ellee, waan lubbuun qoonqoo (kokkee) hin geenyetti osoo dhukkuba cimaa keessallee jiraatee Islaamummaan faayyadamuun ni argamaadha.
  5. Amantiin kaafirootaa -Yahuudaa fi kiristaana dabalatee- sirriidha jedhanii yaaduun kufriidha.
  6. Yahuudaa fi Kiristaana hadiisicha keessatti kaasuun kan birootif akeekkachiisa kennuufi, kunis Yahuudaa fi Kiristaanni kitaaba waan qabaniif jecha, sanuma waliin dhimmi isaanii yoo akkana t'e dhimmi warra biroo kan kitaaba hin qabnee ni cima; kanaafuu amantii isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- keessa seenanii isaaniin buluun isaan hunda irratti dirqama.