عن ابن عمر رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«أحْفُوا الشَّوَارِبَ وأَعْفُوا اللِّحَى».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 259]
المزيــد ...

Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
"Rifeensa affarroo (hidhii gubbaa) gabaabsaa, Areeda dhiisaa".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 259]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- rifeensa affarroo irraa fuudhuu, akka guddatu dhiisuu dhabuu fi tolchee akka gabaabsamu ajajan.
Faallaa saniitti ammoo areeda guddisuu fi guutuu taatee akkuma isiin jirtu sanitti isii dhiisuutti ajajaniiru.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Areeda haaduun haraama tahuudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (59)