+ -

عَنْ حُذَيْفَةَ رضي الله عنه قَالَ:
كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ إِذَا قَامَ مِنَ اللَّيْلِ يَشُوصُ فَاهُ بِالسِّوَاكِ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 245]
المزيــد ...

Huzeyfaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- halkan yeroo ka'an rigaan afaan isaani rigatu turani.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 245]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hedduu rigachuu fi isatti ajajaa turani, inni yeroo garii immoo jabeeffamaa ta'a, isaan keessaa: halkan yeroo ka'an, waan nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- afaan isaanii rigaan riganii qulqulleeffataa turaniif jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa daryaffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Halkan yeroo hirribaa ka'an rigaan jabeeffamee karaa godhamuu isaa, hirribni foolii afaanii waan jijjiiruuf jecha, rigaan immoo meeshaa qulqullinaati.
  2. Hadiisa darbe irraa fudhachuun, yeroo fooliin afaanii ajaawu hunda rigaa fayyadamuun jabeeffamee karaa godhamuu isaa.
  3. Akka wolii galaatti qulqullinni karaa godhamuu fi inni karaa nabiyyiifi -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namuusa olaanaa irraa akka ta'eedha.
  4. Afaan hunda keessa rigachuun, ilkaan, irgoo fi arraba qabata.
  5. Rigaan damee muka araakii fi kan biraa irraa muramee, afaanii fi ilkaan qulqulleessuuf kan itti fayyadamudha, afaan ni urgeessa, foolii ajaawaas ni adeemsisa.