+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه قال:
كان رسولُ الله صلى الله عليه وسلم إذا عَطَس وضَعَ يَدَه -أو ثوبَهُ- على فيهِ، وخَفَضَ -أو غضَّ- بها صوتَهُ.

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي وأحمد] - [سنن أبي داود: 5029]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo haxxifatan harka isaanii -ykn uffata isaanii- afaan isaanii irra kaa'anii, isaan sagalee isaanii kan gadi qaban ta'an.

[sirrii] - [tirmizii odeesse - abuu daawud odeesse - ahmad odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 5029]

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo haxxifatan:
Tokkoffaa: Harka isaanii ykn uffata isaanii afaan isaanii irra kan kaa’an ta'an; sababni isaas wanni nama isaan bira taa'u azaa godhu afaan ykn funyaan isaanii irraa akka hin baanef jecha.
Lammaffaa: Sagalee isaanii gadi qaban malee ol hin kaasan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Haxxifachuu keessatti karaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ibsuu fi sanaan keessatti isaan hordofuudha.
  2. Uffata ykn sooftii fi waan biroo yeroo haxxifatan afaan ykn funyaan irra kaayuun jaalatamaa ta'uudha; sababni isaas wanni nama isa bira taa'u azaa godhu akka irraa hin baanef jecha.
  3. Yeroo haxxiffatan sagalee ofii gadi qabachuun barbaachisaa yoo ta’u, innis mallattoo naamusa gaarii qabaachuu irraahi.