+ -

عن عائشة أم المؤمنين وعبد الله بن عباس رضي الله عنهما قالا:
لَمَّا نَزَلَ بِرَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ طَفِقَ يَطْرَحُ خَمِيصَةً لَهُ عَلَى وَجْهِهِ، فَإِذَا اغْتَمَّ بِهَا كَشَفَهَا عَنْ وَجْهِهِ، فَقَالَ وَهُوَ كَذَلِكَ: «لَعْنَةُ اللَّهِ عَلَى اليَهُودِ وَالنَّصَارَى، اتَّخَذُوا قُبُورَ أَنْبِيَائِهِمْ مَسَاجِدَ» يُحَذِّرُ مَا صَنَعُوا.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 435]
المزيــد ...

Aa'ishaa fi Abdullaah bin Abbaas irraa odeeffamee Rabbiin isaan irraa haa jaalatuu akkana jedhan:
Gaafa Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu- duuti dhufte, uffata isaanii wahii fuula ofii irratti darbachuu eegalan, yeroo isiin ukkaamaman fuula isaanii irraa isii saaqu, utuu kana keessa jiranuu akkana jedhan: “Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti haa ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii bakka itti salaatan godhatan” galagaa isaanii irraa akeekachiisa kennu.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 435]

Ibsaa

Aa'ishaa fi Ibnu Abbaas, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, gaafa Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- duuti dhufte uffata xiqqaa wahii fuula ofii irratti darbachuu akka eegalanii fi sababaa sakaraata du'aatin yeroo hafuura baafachuun itti jabaate uffata san fuula ofii irraa kan saaqan ta'uu nutti himan, akkasumas utuu rakkoo kana keessa jiranii akkana kan jedhan ta'uus nutti himan: “@Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti haa ta’u, Rabbiin rahmata Isaa irraa isaan haa fageessu; sababni isaas isaan qabrii nabiyyoota isaanii irratti waan Masjiida ijaaraniif jecha. Osoo hammeenyi dubbii kanaa guddaa ta'uu baatee, rakkoo akkasii keessatti silaa waan kana hin kaasan ture, kanaaf Rasuulli -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu- ummatni isaanii gocha isaanii san akka hin raawwanne dhoorgan; Sababni isaas gocha Yahuudootaa fi Kiristaanotaa irraa waan ta’ee fi karaa gara Rabbii guddatti waan biroo qindeessuutti nama geessu waan ta'eef jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qabrii nabiyyootaa fi namoota gaggaarii Masjiidota Rabbiif isii keessatti salaatamu akka hin taasifanne dhoorguudha; sababni isaas sun karaa shirkitti nama geessu waan ta’eef jecha.
  2. Yaaddoo cimaa Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- tokkichummaa Rabbiitif qabanii fi sodaa cimaa qabrii guddisuu irraa qabaniidha; sababni isaas sun gara shirkitti waan nama geessuf jecha.
  3. Yahuudoota, Kiristaanotaa fi namoota dalagaa akka isaanii kan akka qabrii irratti waan ijaaru fi isii masjiida taasifachuudhaa dalagan abaaruun akka danda'amuudha.
  4. Qabrii irratti ijaaruun karaa Yahuudotaa fi kiristaanotaa keessaa tokko yoo ta’u, hadiisicha keessa isaanitti fakkaachuu irraa dhoorguutu jira.
  5. Qabrii birattii fi isitti gara galanii salaatuun qabrii masjiida taasifachuu irraa lakkaa'amaadha, osoo masjiidni ijaaramuu baatellee.