+ -

عن جندب رضي الله عنه قال:
سَمِعْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَبْلَ أَنْ يَمُوتَ بِخَمْسٍ وَهُوَ يَقُولُ «إِنِّي أَبْرَأُ إِلَى اللهِ أَنْ يَكُونَ لِي مِنْكُمْ خَلِيلٌ فَإِنَّ اللهَ تَعَالَى قَدِ اتَّخَذَنِي خَلِيلًا كَمَا اتَّخَذَ إِبْرَاهِيمَ خَلِيلًا، وَلَوْ كُنْتُ مُتَّخِذًا مِنْ أُمَّتِي خَلِيلًا لَاتَّخَذْتُ أَبَا بَكْرٍ خَلِيلًا! أَلَا وَإِنَّ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ كَانُوا يَتَّخِذُونَ قُبُورَ أَنْبِيَائِهِمْ وَصَالِحِيهِمْ مَسَاجِدَ، أَلَا فَلَا تَتَّخِذُوا الْقُبُورَ مَسَاجِدَ! إِنِّي أَنْهَاكُمْ عَنْ ذَلِكَ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 532]
المزيــد ...

Jundub irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Osoo hin du'iniin duratti guyyaa shaniin Nabiyyiidhaa akkas jedhuun dhagahe:" ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin ol ta'e jaalallee na taasifatee jira, akkuma ibraahimiin jaalallee taasifatetti, osoon kan ummata koo irraa jaalallee taasifadhu ta'ee silaa Abuu Bakiriinan jaalallee taasifadha, dhagahaa! worroonni isiniin dura turan qabrii nabiyyootaa fi gaggaarota isaanii masjiidota taasifataa turan, dhagahaa! qabriiwwan masjiidota hin taasifatinaa, ani sana irraan isin dhoorga''.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 532]

Ibsaa

Nabiyyin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- sadarkaa isaanii kan Rabbiin biratti qaban irraa dubbatan, isiin dhugumatti irra olaanaa sadarkaa jaalalaa irra geesse, akkuma Ibraahiim isii argatee jirutti -nageenyi isa irratti haa jiraatu- kanaaf Rabbiin malee jaalalleen biraa isaanif ta'uu morman; waan qalbiin isaanii jaalala Rabbii ol ta'ee, Isa guddisuu fi Isa beekuun guutameef jecha, Rabbiin malee waan jiruuf eenyuufuu bal'achuu hin danda'u. Osoo uumamtoota irraa jaalalleen kan isaanif ta'u ta'ee silaa Abuu Bakir assiddiiqtu ta'aaf ture -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Eegasii jaalala keessatti daangaa eeyyamame darbuu irraa sodaachisan, akka yahuudaanii fi nasaaraan qabrii nabiyyootaa fi gaggaarota isaaniitti hojjatanitti, hanga gooftota shariika Rabbii gaditti gabbaraman taasifatanitti, qabrii isaanii irratti masjiidotaa fi bakka gabbartii ijaaran, ummata isaanii fakkaataa hojii jira kanaa hojjatuu irraa dhoorgan -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu-

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa Abuu Bakir assiddiiq -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- qabu, inni dugumatti irra caalaa sahaabotaa fi booda du'a Rasuulaatiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- bakka bu'ummaaf irra haqa godhataa namootaa ta'uu.
  2. Qabrii irratti masjiiidota ijaaruun badiiwwan ummattoota dura darbanii irraa ta'uu.
  3. Qabrii iddoo ibaadaa taasifatanii isii biratti salaatamuun, yookaan gara isitti salaatamuun dhoorgaa ta'uu, akkasumas isii irratti masjiidoonni ijaaramuu, ykn qubbaawwan ijaaramuun dhoorgaa ta'uudha, sababaa sanaatiif shirkii keessa seenuu sodaaf jecha.
  4. Namoota gaggaarii keessatti daangaa darbuun waan gara shirkitti nama geessuuf jecha isarraa sodaachisuudha.
  5. Hammeenya waan Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- irraa sodaachisanii, akkuma du'a isaanitiin dura halkan shaniin gadi jabeessanii himanitti.