1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

Hadiisa Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa

عَنْ أُسَامَةَ بْنِ زَيْدٍ رضي الله عنه قَالَ: قِيلَ لَهُ: أَلَا تَدْخُلُ عَلَى عُثْمَانَ فَتُكَلِّمَهُ؟ فَقَالَ: أَتَرَوْنَ أَنِّي لَا أُكَلِّمُهُ إِلَّا أُسْمِعُكُمْ؟ وَاللهِ لَقَدْ كَلَّمْتُهُ فِيمَا بَيْنِي وَبَيْنَهُ، مَا دُونَ أَنْ أَفْتَتِحَ أَمْرًا لَا أُحِبُّ أَنْ أَكُونَ أَوَّلَ مَنْ فَتَحَهُ، وَلَا أَقُولُ لِأَحَدٍ يَكُونُ عَلَيَّ أَمِيرًا: إِنَّهُ خَيْرُ النَّاسِ بَعْدَمَا سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«يُؤْتَى بِالرَّجُلِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ، فَيُلْقَى فِي النَّارِ، فَتَنْدَلِقُ أَقْتَابُ بَطْنِهِ، فَيَدُورُ بِهَا كَمَا يَدُورُ الْحِمَارُ بِالرَّحَى، فَيَجْتَمِعُ إِلَيْهِ أَهْلُ النَّارِ، فَيَقُولُونَ: يَا فُلَانُ مَا لَكَ؟ أَلَمْ تَكُنْ تَأْمُرُ بِالْمَعْرُوفِ، وَتَنْهَى عَنِ الْمُنْكَرِ؟ فَيَقُولُ: بَلَى، قَدْ كُنْتُ آمُرُ بِالْمَعْرُوفِ وَلَا آتِيهِ، وَأَنْهَى عَنِ الْمُنْكَرِ وَآتِيهِ».

Usaamaa ibnu Zayd irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: usmaanitti ol seentee hin haasofsiiftuu? isaan jedhame, innis ni jedhe: isin dhageessisu malee haasawuu hin qabu jettuu? Rabbiinan kakadha balbala dubbii jalqaba nama isa banee ta'uu hin barbaanne osoon hin banin gidduu kootii fi gidduu isaatti dhugumatti haasofsiisee jira, nama tokko kan ajajaa na irratti ta'uun: inni irra caalaa namaati hin jedhu, boodan ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu dhaga'ee:
«Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa, worri ibbiddaa isa ilaaluuf wolitti qabamanii akkas jedhu: yaa ebelu maaltu si mudate? toltuutti ajajdee badii irraa dhoorgaa hin turree? innis ni jedha: ee dhugaadha akkasin ture, dhugaan toltuutti ajajaan ture ofiif immoo isa hin hojjadhu, akkasuma badii irraas dhoorgaan ture ofiif immoo isan hojjadha».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 2989

Ibsa

Usaamaa ibnu zaydiin -Rabbi isa irraa haa jaallatu- usmaan ibnu affaanitti ol seentee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- fitnaa namoota gidduutti argame irraa haasofsiiftee bu'uuraan isa hiikuuf hin tattaaffattuu jedhameen, innis fitnaa osoo hin kaasin maslahaaf jecha iccitiin akka isa haasofsiisee jiru isaan beeksiise, kaayyoon isaa hawaasatti mul'isuun ajajoota mormuun, sababaa ittiin khaliifaatti ol hiixatan ta'uu waan hin barbaanneefi, inni ulaa fitnaa fi hamtuuti jalqaba nama isa banee ta'uu hin barbaadu.
eegasii Usaamaanis -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: inni ajajoota iccitiin isaan gorsa kana irratti immoo amiira yoo ta'ellee nama tokkoof fakkeessee bira hin dabru, sun booda nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhanuu dhaga'eeti, guyyaa qiyaamaa namichi fidamee, ibidda keessa buufamee, jabina ho'aatii fi adabbii irraa kan ka'e meshaan garaa isaa ariitiidhaan keessaa ba'uun, haaluma kanaan mar'imaan garaa isaa waliin akka harreen naannawa baabura isa waa daakuu naannoftutti ibidda keessa naannawa, worri ibiddaa naannawa isaatti akka geengoo isatti marseetti wolitti qabamanii, akkas jechuun isa gaafatani: yaa ebelu, toltuutti ajajdee badii irraa dhoorgita hin turree?!
innis ni jedha: eeyyeen toltuuttin ajajaan ture garuu ofii kootiif isa hin hojjadhun ture, akkasuma badii irraas nan dhoorgan ture garuu isan hojjadhan ture.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Angaa'ota gorsuu keessatti bu'uurri gidduu isaatii fi gidduu isaaniitti ta'uu fi hawaasa bal'aa gidduutti isa haasawuu dhabuudha.
  2. Nama jechi isaa gocha isaa faallessuuf dinniina jabaatu keessa jira.
  3. Ajajootaa woliin namuusa qabaachuu fi isaaniif garaa laafuu, akkasuma toltuutti isaan ajajanii badii irraa isaan dhoorguu.
  4. Haqa keessatti ajajootaaf fakkeessuu fi faallaa isaa waan agarsiisu mul'isuu balaaleffachuutu keessa jira, akka nama dharaan faarsuutti.

Hiikkaawwan dhiheessuu

52 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية