عن أبي هريرة رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«حُجِبَتِ النَّارُ بِالشَّهَوَاتِ، وَحُجِبَتِ الْجَنَّةُ بِالْمَكَارِهِ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 6487]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Ibiddi fedhiiwwaniin haguugamte, jannanni immoo waan jibbamaan haguugamte".

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 6487]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ibiddi haraama hojjachuu irraa yookaan dirqama keessatti hirdhisuu irraa wantoota lubbuun feetuun haguugamtee marfamtee akka jirtu ifa galchan. Namni sana keessatti lubbuu isaa fedhii isii hordofsiise ibidda haqa godhate. Jannanni wantoota lubbuun jibbituun haguugamtee marfamtee jirti, sun akka wantootii itti ajajaman irratti ragga'uu, wantootii haraama ta'an dhisuu fi isa irratti obsuudhaati, yoo isii weeraree sana irratti lubbuu ofiitti qabsaa'e jannata seenuu haqa godhate.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sabaabaawwan fedhiiwwan keessatti akka kufan nama taasisan keessaa sheyxaanni badiiwwanii fi waan fokkataa hanga lubbuun bareedaa gootee agartee gara isaatti dabdutti itti bareechuudha.
  2. Fedhiiwwan haraama ta'an irraa fagaachuutti ajajuudha, waan isiin karaa ibiddatti geessituu taateef jecha, akkasumas waan nama jibbisiisu irratti obsuudha; waan isiin karaa jannatatti geessituu taateef jecha.
  3. Sadarkaa lubbuu ofiitti qabsaa'anii, ibaadaa irratti tattaaffii gochuu fi waan jibbisiisuu fi ulfaatu tan kheyrii hojjatuun marsitee jirtu irratti obsuun qabuudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (67)