+ -

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ وَعَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنهما عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
«مَا يُصِيبُ الْمُسْلِمَ مِنْ نَصَبٍ وَلَا وَصَبٍ وَلَا هَمٍّ وَلَا حُزْنٍ وَلَا أَذًى وَلَا غَمٍّ حَتَّى الشَّوْكَةِ يُشَاكُهَا إِلَّا كَفَّرَ اللهُ بِهَا مِنْ خَطَايَاهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5641]
المزيــد ...

Abuu Sa`iid al-Khudrii fi Abu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
“Dadhabbiin, dhukkubni, yaaddoon, gaddii fi miidhaan kamiyyuu muslima tokko hin mudatu, hanga qoree isa waraanu gayuutti Rabbiin sababaa sanaatiin dilii isaa irraa buusu malee.”

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5641]

Ibsaa

Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhukkuba, yaaddoo, gadda, rakkina, balaa, sodaa fi beela irraa wanni muslima mudatu -hanga qoree isa waraantee isa laalessitu gayuutti- sun dilii isaatiif kaffaaraa isaaf ta'ee badii isaa akka isa irraa buusu ibsan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Tola Rabbiin gabroota Isaa mu'umintoota irratti oolee fi irra xiqqaa rakkina isaan mudatuun badii isaanii isaanif dhiisuudhaan rahmata Inni isaanif godhe ibsuudha.
  2. Muslimni wanta isa mudateef mindaa Rabbiin irratti herregachaa, akka sadarkaan isaa ol fuudhamee badiin isaa isa irraa haqamuuf jecha waan xiqqoo guddoo isa mudatu irratti obsuudha qaba.