+ -

عَنْ طَلْحَةَ بْنِ عُبَيْدِ اللهِ رضي الله عنه قَالَ:
جَاءَ رَجُلٌ إِلَى رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ مِنْ أَهْلِ نَجْدٍ ثَائِرُ الرَّأْسِ، نَسْمَعُ دَوِيَّ صَوْتِهِ، وَلَا نَفْقَهُ مَا يَقُولُ حَتَّى دَنَا مِنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَإِذَا هُوَ يَسْأَلُ عَنِ الْإِسْلَامِ، فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «خَمْسُ صَلَوَاتٍ فِي الْيَوْمِ وَاللَّيْلَةِ» فَقَالَ: هَلْ عَلَيَّ غَيْرُهُنَّ؟ قَالَ: «لَا، إِلَّا أَنْ تَطَّوَّعَ، وَصِيَامُ شَهْرِ رَمَضَانَ»، فَقَالَ: هَلْ عَلَيَّ غَيْرُهُ؟ فَقَالَ: «لَا، إِلَّا أَنْ تَطَّوَّعَ»، وَذَكَرَ لَهُ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ الزَّكَاةَ، فَقَالَ: هَلْ عَلَيَّ غَيْرُهَا؟ قَالَ: «لَا، إِلَّا أَنْ تَطَّوَّعَ»، قَالَ: فَأَدْبَرَ الرَّجُلُ، وَهُوَ يَقُولُ: وَاللهِ، لَا أَزِيدُ عَلَى هَذَا، وَلَا أَنْقُصُ مِنْهُ، فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «أَفْلَحَ إِنْ صَدَقَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 11]
المزيــد ...

Xalhaa bin Ubeydillaah irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe:
Warra najdii keessaa namichi mataan isaa faaggaa ta'e tokko gara Ergamaa Rabbitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni dhufe, nuti sagalee isaa dhageenya malee waan inni jedhu hin beeknu, hanga Ergamaa Rabbitti -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- dhihaatutti, yeroma san inni waa’ee Islaamaa gaafachaa jira. Ergamaan Rabiittis -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Guyyaa fi halkan keessatti salaata shani», innis akkas jedheen: kana malee kan biraa narra jiraa? «lakkii, yoo salaata sunnaa salaatte malee, Ji'a Ramadaanaa soomuudha», namichis ni jedhe: kan malee kan biraa narra jiraa? isaanis ni jedhan: «Lakkii, yoo sooma sunnaa soomte malee», Ergamaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- zakaa baasus isaaf dubbannaan, innis akkas jedhe: kana malee kan biraa narra jiraa? isaanis ni jedhan: «Lakkii, yoo waan dabalataa kennite malee», ni jedhe: Namichi eegasii akkas jechaa deeme: Rabbiin kakadhee, kana irratti homaa hin dabalu, irraahis hin hir'isu, Ergamaan Rabbiis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Yoo dhugaa dubbate milkaa'e».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 11]

Ibsaa

Namichi warra Najdii irraa ta'e tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni dhufe, rifeensi isaa faaggaa ture, sagaleen isaas ol ka'aa ture, wanni inni dubbatu hin hubatamu, hanga Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhiyaatee, waa’ee dirqamoota Islaamaa gaafatetti?
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salaataan eegalanii, halkanii fi guyyaa keessatti salaata shan raawwachuu Rabbiin akka dhugumatti isa irratti dirqama taasise itti himan.
Innis akkana jedhe: Salaatawwan shanan kana malee salaata biraa salaatuun narratti dirqama ni ta'aa?
Isaanis ni jedhan: Lakki, yoo salaata sunnaa raawwatte malee.
Ergasii -nagaa fi rahmanni irra haa jiratu- akkana jedhan: Wantoota Rabbiin sirratti dirqama taasise keessaa ji’a Ramadaanaa soomuudha.
Namichis akkana jedhe: Sooma Ramadaanaa malee sooma irraa narra nijiraa?
Isaanis ni jedhan: Lakkii, yoo tola dabalata soomte malee.
Ergasii isaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- zakaa baasuu isaaf dubbatan.
Namichis akkana jedhe: Zakaa dirqamaa booda sadaqaalee irraa homaa narratti dirqama hin ta'uu?
Isaanis akkana jedhan: Lakkii, yoo sunnaa raawwatte malee.
Namichi dirqama kana erga Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhagahe booda Dugda garagalee deeme, osoo hin dabalin, hin hir’isin akka dalagu Rabbii ol ta'een kakate, Ergasii isaan -nagaa fi rahmanni isa irratti haa jiraatu- akkana jedhan: waan irratti kakate kana keessatti yoo dhugaa dubbate inni warra milkaa’an keessaa tokko ta’a.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Laafina heera fi seera islaamummaati fi warra warra irratti dirqama ta'eef salpha ta'uu isaati.
  2. Bifa gaarin Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namicha kana keessummeessuudha, dhugumatti akka inni gara isaanitti dhiyaatee akka barbaadetti isaan gaafatu isaaf haala mijjeessaniiru.
  3. Waan hunda caalaa barbaachisaa ta’een eegasii kan itti aanun gara Rabbii ol ta'etti waamuu keessatti barbaachisaa ta'uudha.
  4. Islaamummaan amantaa fi hojiidha. Amantii malee hojiin faayidaa hin qabu, amantiin immoo dalagaan malee bu'aa hin qabu.
  5. Barbaachisummaa dalagaawwan kanaa fi utubaawwan Islaamaa keessaa ta’uu isaaniiti.
  6. Salaanni jum'aa salaata dirqamaa shanan keessatti hammatamtuudha; Sababni isaas nama irratti dirqama taatef guyyaa jum'aa keessatti salaata Zuhrii irraa bakka buutee waan waan raawwatamtuuf jecha.
  7. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- booda shahaada lamaanitii irra cimaa dirqamoota Islaamaatiin barsiisa isaanii jalqaban; sababni isaas namichi waan muslima ta'eef jecha, Hajjii hin dubbnne; osoo hajjiin dirqama hin ta'in waan ta'eef jecha, ykn yeroon isaa waan hin gayiniif jecha.
  8. Namni tokko akka seera Islaamaatti wanta dirqama ta’etti yoo of daangeesse ni milkaa’a. Garuu kun sunnaa gochuun hin ta'u jechuu miti; Sababni isaas guyyaa qiyaamaa keessatti dirqamoonni yoo hir'atan waan sunnaan guutamaniif jecha.